Kenniinsa tajaajila fayyaa naannoo Hararii fooyyessuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Kenniinsa tajaajila fayyaa naannoo Hararii fooyyessuuf xiyyeeffatameera
Adoolessa 22/2018 (ENA)-Bara bajatichaa naannoo Harariitti damee fayyaa galtee fi humna namaan gurmeessuun kenniinsa tajaajilaa gabbisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu hogganaan biiroo fayyaa naannichaa Dr. Abdii Amiin ibsan.
Bara bajataa 2019 imaammata dhukkuba ittisuu fi wal’aanuun fayyisuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu hogganaan kun ibsaniiru.
Hudhaalee dhukkuba ittisuu fi waldhaanuun fayyisuurratti turan furuudhaan wal’aansa qulqullina qabu kennuuf sirna tajaajila fayyaa ammayyeessuuf akka hojjetamu eeraniiru.
dheessiin fedhii hawaasaa qorichaa fi galteewwan wal’aansaa yeroo yeroon dabalaa dhufe ka’umsa godhachuun dhiheessiin galteewwan wal’aansaa akka jiraatu akka xiyyeeffatamu dubbataniiru.
Bara bajataa kana inisheetiivota dijitaalaa fayyaa garagaraa bu’a qabeessummaasaa kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf akeekaman dhaabbilee fayyaa keessatti hojiitti galchuun tajaajila teeknooloojiin deeggarame kennuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Naamusa ogummaa ogeeyyota dhaabbilee fayyaa fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuun dhimma xiyyeeffannoon kennameef ta’uu ibsaniiru.
Dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuun cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Keessumaa Sirna fayyaa fi nyaataa haadholii, daa’immanii fi dargaggootaa fooyyessuu, dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoon addaa kennamee ni hojjetama jedhaniiru.
Hawaasni dhukkubarraa akka of eegu hubannoon ni uumama jedhaniiru.
Ijaarsarratti kan argaman Hospitaalli walii galaa Dirree Xiyyaaraa fi kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa walii galaa Miiyaayi hatattamaan xumuruuf ni hojjetama jedhaniiru.