Hojiileen Misooma Qonnaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiran Muuxannoof kan ta’anidha - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Misooma Qonnaa Godina Baaleetti hojjetamaa jiran Muuxannoof kan ta’anidha
Adoolessa 22/2018 (ENA)-Hojiileen misooma qonnaa godina Baaleetti raawwatamaa jiran muuxannootti kan fudhataman ta’uu Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrissaa ibsan.
Hoggantoonnii fi ogeeyyiin damee hariiroo ummataa fi Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti daawwannaa hojii dirree taasisaa jiru.
Hoggantoonni waltajjii raawwii hojii bara bajataa 2018 fi gamaaggama karoora bara 2019 mata duree “komunikeeshiniin bu’a qabeessi paartii cimaaf” jedhuun Baalee Roobeetti gaggeessaa turan erga xumuramanii booda daawwannaa eegalaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hogganaan dame hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa wayita kana akka jedhanitti, hojiileen Jireenya qonnaan bulaa godinichaa damee qonnaatiin hojjetamaa jiran fakkeenyummaan kan fudhatamanidha.
Qonnaan bulaan hojmaattota qonnaa fooyya’an hojiirra oolchuudhaan tattaaffiin misooma kilaastaraatiin gochaa jiru agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.
Godinichi roobaa fi filmaattota bishaanii jiranitti fayyadamuudhaan waggaatti al lamaa fi sanaa ol misoomsuun akka danda’amu daawwannaa Kanaan mirkaneessuusanii ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni Kombaayinara bitachuudhaan gara mekaanaayizeeshinii qonnaatti cehaa dhufuusaanii dubbataniiru.
Daawwannaan hoggantootaa fi ogeeyyota damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa haala qabatamaa godinichaa hubachuudhaan beeksisuudhaan, gara dhufanitti wayita deebi’an muuxannoo argatan akka bal’isan carraa ni uuma jedhaniiru.
Godinichatti Arfaasaa baranaatiin lafa heektaara kuma 240 ol irra sanyiin garagaraa kan facaafame yoo ta’u, kanarraa midhaan kuntaala miiliyoona 8 caalu akka abdatamu kan ibsan ammoo bulchaa godinichaa obbo Abdulhakiim Aliyyidha.
Midhaan oomishamaa jiran keessaa harki 80 kan ta’u mekaanaayizeeshiniin deeggaramuudhaan kilaastaraan kan misoome ta’uu dubbataniiru.
Godinichatti Arfaasaa fi jallisiidhaan lafti hektaara kuma 900 caalu kan misoomu yoo ta’u, waggaatti midhaan kuntaala miiliyoona 20 caalu akka oomishamu dubbataniiru.
Daawwannaan kun filmaattonni godinicha keessatti argaman akka beeksifaman carraa uumuusaa ibsaniiru.
Miseensonni hooggansaa magaalaa Roobee mooraa Yunivarsiitii Madda Walaabuu keessa mata duree “abdii haa dhaabnu” jedhuun ashaaraa isaanii kan kaa’an yoo ta’u daawwannaa isaanii itti fufuudhaan bakkeewwan tuurizimii naannawichaa akka daawwatan beekameera.