Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jirra.-Jaal Sanyii Nagaasaa - ENA Afaan Oromoo
Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jirra.-Jaal Sanyii Nagaasaa
Adoolessa 22/2018(ENA): Marii Biyyaalessaa irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii'achaa jiraachuusaanii Jaal Sanyii Nagaasaa ibsan.
Marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa kan jiran Jaal Sanyiin akka jedhanitti, hanga ammatti mariicha irratti dhimmoota gurguddoo falmisiisoo ta’an irratti dammaqinaan marii’atamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waldhabdeewwan biyya keessa jiran hunda karaa nagaa fi mariitiin hiikuuf Mariin Biyyaaleessaa furtuu murteessaa ta’uu Jaal Sanyiin ibsaniiru.
Waldhabdee biyya keessatti waggoota hedduudhaaf ture karaa nagaatiin furuuf mariin baay'ee murteessaa ta'uu dubbataniiru.
Itti dabaluunis, yeroo ammaa wanti bosonatti nama hambisu hin jiru; kanaaf karaa nagaa fi marii akka filannootti fudhanneerra jechuun ibsaniiru.
Rakkoolee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuun furmaata filatamaa akka hin taane kan eeran Jaal Sanyiin, kanaan dura sababa karaan nagaa cufamee tureef qawwee kaasuun dirqama ta’ee akka turee fi amma garuu carraa argameen rakkoolee jiran karaa nagaan furuuf filachuu isaanii dubbataniiru.
Hanga ammatitti ajaandawwan adda addaa irratti garee gareen ta’uudhaan dammaqinaan mari’atamaa akka jiru himaniiru.
Mariin Biyyaaleessaa kun siyaasa biyyaa keessattis ta’e rakkoolee biroo karaa nagaan furuuf carraa guddaa argameedha jedhaniiru.
Hirmaattonni marichaa naannoolee hunda irraa dhufan irratti hirmaachuun isaanis rakkoolee jiran mariin furuuf carraa gaarii akka ta’e eeraniiru.
Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#mariidhaan#
See less