Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan waliin mari’atan
Adoolessa 22/2018 (ENA): Afa-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar Af-Yaa’ii Paarlaamaa Azarbaajan Dr.Sahiibaa Gafaroovaa fi miseensaota isaanii waliin mari’ataniiru.
Mariichaanis dhimmoota hojiiwwan paarlaamaa, walitti dhufeenya dinagdee, dhimmoota naannoo fi Idil-Addunyaa irratti mari’ataniiru.
Obbo Aganyoo Tashaagar wayita sana akka ibsanitti, daawwannaan kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan cimaa dhufaa jiru gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo waliinii qaban kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yeroo dhiyoo daawwannaa Baakuutti taasisan walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Azarbaajan gidduutti boqonnaa haaraa banuu isaa yaadachiisaniiru.
Keessattuu Azarbaajaan tajaajila gama "Masoob" tajaajila wiirtuu tokkoo fooyyessuuf deeggarsa taasiftee dinqisiifachuun, tumsi kun ammayyummaa tajaajila mootummaa irratti gumaacha olaanaa taasisuu isaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama biyyaalessaa gaggeessaa jirtu bal’inaan ibsuun, komishiniin marii biyyaalessaa adeemsa ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf gahee qabu ibsaniiru.
Dabalataanis sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi pirojektoota misooma koriidaraa eegumsa naannoo, misooma waaraa fi ammayyummaa magaalotaa saffisiisuuf kan tajaajilan ta’uu hubachiisaniiru.
Damee dippiloomaasii paarlamaatiin, gareewwan michummaa biyyoota lamaanii seera baasuu, ijaarsa dandeettii dhaabbataa, sirna paarlamaa dijiitaalaa, akkasumas hirmaannaa ummataa gabbisuu irratti tumsa isaanii guddisuu akka danda'an ibsanii, keessattuu walitti dhufeenyi miseensota paarlaamaa dargaggootaa fi dubartootaa cimuun walitti dhufeenya ummataa fi ummataa biyyoota lamaanii kan guddisu ta’uu kaasaniiru.