Mariin biyyaalessaa gaaffilee uummataaf furmaata dhugaa fiduuf bu'uura kan kaa'udha – Hirmaattota - ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyaalessaa gaaffilee uummataaf furmaata dhugaa fiduuf bu'uura kan kaa'udha – Hirmaattota
Adoolessa 22/2018 (ENA): Yaa'iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gaaffilee uummataatiif furmaata dhugaa fiduun tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu hirmaattonni ibsan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanoota biyya keessaa fi ala jiran mariisisuun ajandaawwan marii ijoo saddeet adda baasuun dhiyeessuun isaa ni yaadatama.
Kaniinis hirmaattonni kuma afur Finfinnee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti marii gaggeessaa jiru.
Hirmaattonni mariichaa akka ENA’f ibsanitti; yaa'ii marii biyyaalessaa kana irratti dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta'an irratti haala ifa ta'een mariin taasifamaa jira.
Yaada kennitoota keessaa Paastar Abbaayinee Bofee akka ibsanitti; mariin kun biyya keessaas ta'e biyya alaatti guutummaatti hawaasa Itiyoophiyaa kan hirmaachiseedha jedhaniiru.
Mariin gaggeeffamu kun ijaarsa nageenya Itiyoophiyaatiif bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsuun; ajandaawwan filataman irratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru,.
Mariin biyyaalessaa hirmaachisaan kun rakkoolee Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf turan furuun waliigaltee biyyaalessa uumuuf furmaata guddaa akka ta’u Obbo Tasfaayee Dhaabaa dubbataniiru.
Kanaafis marii biyyaalisaa Itiyoophiyaaf guutuu biyyattiirra walitti dhufuun yaadasanii bilisaan ibsachaa jiraachuu ibsuun, kunis gaaffii uummataaf furmaata waaraa fiduuf bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.