Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan tumsa Azarbaajaan waliin qabdu cimisitee itti ni fufti-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo

Adoolessa 22/2018(ENA)- Itiyoophiyaan tumsa Azarbaajaan waliin qabdu cimisitee akka itti fuftu

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ibsan.

Obbo Taaggasaa Caafoo daawwannaa hojiif kan dhufan Af-yaa’ii Paarlaamaa rippaabiliikii Azarbaajaan Sahiibaa Gafaroovaa waliin marii taasisaniin, daawwannichi hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii akka cimsu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan tumsaa fi hariiroo dippilomaasii paarlaamaa, Invastimantii, barnoota, aadaa fi daldalaan qaban akka cimsan marii taasifamerratti ibsameera.

Muuxannoo Azarbaajaanirraa argameen dhiheenya hojiirra oolaa kan jiru tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob (MESOB) rakkoolee bulchiinsa gaarii dhaabbilee keessatti mul’atan furuudhaan bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hambisaa akka jiru dubbataniiru.

Itiyoophiyaan dameelee qonnaa, albuudaa fi maanufaakchariingiidhaan dandeettii Invastimatii guddaa akka qabdu af-yaa’iin kun ibsanii, dureeyyiin Azarbaajaan Itiyoophiyaa keessatti invasti akka godhan dhaamaniiru.

Af-yaa’iin Paarlaamaa rippaabiliikii Azarbaajaan Sahiibaa Gafaroovaa gamasaaniin, sanadoonni walii galtee hariiroo dippilomaasii fi hunda galeessi Itiyoophiyaa fi Azarbaajaan jidduu jiru cimsan mallatteeffamanii dhiheenya hojiitti akka galamu ibsuusaanii manni maree bakka bu’oota ummataa beeksiseera.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015