Godina Shawaa Bahaatti omisha Ganna kanaa irraa midhaan kuntaala miiliyoona 20 ol walitti qabamuuf karoorfameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaatti omisha Ganna kanaa irraa midhaan kuntaala miiliyoona 20 ol walitti qabamuuf karoorfameera
Adoolessa 22/2018 (ENA): Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa omisha Ganna kanaa irraa midhaan kuntaala miliyoona 20 ol walitti qabuuf karoorfachuu isaa beeksiseera.
Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Aabinnat Zagayyee ENAtti akka himanitti, Godinni kun omisha bara 2018/19 midhaan kuntaala miiliyoona 20 ol oomishuuf karoorfateera jedhani.
Bara kana lafa heektaara kuma 530 Godinicha keessatti misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti heektaara kuma 475 ol sanyii filatamaa adda addaatiin dhaabamuu himaniiru.
Omishaa fi omishtummaa guddisuuf xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 1.2 raabsuuf karoorfamee, hanga ammaatti xaa’oon biyyee kuntaala kuma 800 ol kennamuu eeraniiru.
Oomisha karoorfame galmaan ga’uuf teeknooloojii qonnaa, sanyii fooyya’aa fi xaa’oo biyyee bal’inaan itti fayyadamuu isaaniis eeruun, qonnaan bultootaaf deeggarsa ogummaa fi hordoffiin taasifamaa akka jiru ta’uu ibsaniiru.
Wabii nyaataa mirkaneessuu fi dandeettii al-ergii oomisha qonnaa guddisuuf tattaaffii deeggarsa taasisuuf karoorri qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Itti dabaluunis oomisha al-ergii guddisuuf misoomni qamadii, boloqqee fi shumburaa makaanaayizeeshiniin hojjetamaa jira jedhan.
Qonna Godinichaa mala aadaan qotiyyoon qotuu irraa gara makaanaayizeeshiniitti ceesisuuf bara kana tiraaktaroota qonnaa 155 bitamanii misoomarra akka jiran akeekaniiru.
Qamadii, boloqqee, shumburaa, xaafii fi midhaan gurguddoo biroo Godinicha keessatti kilaastara 460’n misoomaa jiraachuu ibsaniiru.