Tajaajilli Qabannaa fi Bulchiinsa Lafaa ammayyaa’aan Ijaarsa dinagdee cimaaf gahee qabu baa’achaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Qabannaa fi Bulchiinsa Lafaa ammayyaa’aan Ijaarsa dinagdee cimaaf gahee qabu baa’achaa jira
Adoolessa21/2018 (ENA)፡ Naannoo Oromiyaatti dinagdee cimaa ijaaruuf hojiwwan raawwataman keessatti tajaajilli qabannaa fi bulchiinsa lafaa ammayyaa’aan gahee olaanaa gumaachaa jiraachuun ibsame.
Magaalaa Jimmaatti har’a sagantaan cufinsa kaadastara baadiyyaa xumurameera.
Sagantaa cufinsaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Itti Gaafatamaa damee siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa fi hoggantoonni godinaa fi aanaalee argamaniiru.
Sagantaa cufinsaa kanarratti Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Itti Gaafatamaa damee siyaasaa Obbo Namarraa Bulii akka ibsaniitti, dinagdee cimaa ijaaruuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bulchiinsi lafaa gahee olaanaa qaba.
Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniitiin tajaajilli kaadastara lafaa bu’aa dinagdee damee hedduu argamsiiseera jedhaniiru.
Kana keessaa qonnaan bulaa gara invastimantiitti ceesisuu, qisaasama lafaa hambisuu fi tajaajila ifaa fi saffisaa kennuu akka danda’u ibsaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaani Naasir gama isaaniitiin tajaajilli kaadastaraa galii godinichaa dabaluun olitti invastimantii cimsaa jira jedhaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Lafaa Godina Jimmaa Obbo Abdulhamiid Haajii tajaajilli kaadastara lafaa godinichatti eegale bu'aa hedduu argamsiisuu isaa eeranii, Aanaa 20 fi Ganda 513 keessatti lafti kaadastaaraan safaramuu dubbataniiru.
Kanaanis qonnaan bulaa kuma 397 fi 647f kaartaan mirkaneessa qabiyyee kennamuu isaa ibsaniiru.
Jiraataan Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu qonnaan bulaa Zinaab Abbaa Goojjam lafa isaanii hektaara lama safaramuun kaartaa mirkaneessa qabiyyee argachuu dubbatanii, tajaajilichi lafa isaanii sirnaan bulchuuf akka isaan gargaare eeraniiru.
Qonnaan bulaan Aanaa Limmuu Saqqaa biroon Obbo Faaris Mahaammud lafti gara kaadastaraatti galuun kanaan dura naannoo isaaniitti dhimma abbummaa irratti komii ka’aa ture furuu isaa ibsuun, mirkaneessa qabiyyee argachuutiif gammadeera jedhaniiru.