Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e rakkoolee jaarraa hedduuf hidda gadi fageeffataniif furmaata waaraan kennuuf dandeettii guddaa uuma

 

Adoolessa 21/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e rakkoolee jaarraa hedduuf hidda gadi fageeffatan furmaata waaraa kennuuf dandeettii guddaa uuma jedhan hirmaattonni marichaa.

Komishiniin Marii Biyyalessaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanota biyya keessaa fi biyya alaa jiran hirmaachisuudhaan ajandaawwan marii saddeet adda baasuun Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee hirmaattonni kuma afur Finfinnee Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti marii gaggeessaa jiru.

Mariin hunda hirmaachisaa ta'e waldhabdeewwan bara dheeraaf ture karaa qaroomina qabuun mari'achuudhaan furmaata kennuuf dandeettii guddaa fi boqonnaa seenaa ta'eera.

Marii kanarratti kan hirmaatan Obbo Tasfaayee Yaaddessaa akka ibsanitti; Waltajjiin marichaa hundaa kan hirmaachisee ta'uu isaatiin wal-hubannoo waloon fi biyya itti fufsiisuuf akka dandeenyu carraa irratti argan ta'uu ibsaniiru.

Kanaan dura kan irratti walii galuu hin dandeenye bal'inaan irratti mari'achaa fi walii galaa akka jiran kan ibsan yoo ta'u, mariin kun yaada keenyaafi fedhii hawaasa keenyaas daangaa tokko malee bilisaan akka ibsinu carraa bal'aa nuu uumeera jedhaniiru.

Miirichi keessoo keenyaafi ilaalcha keenya daangaa malee bilisaan akka ibsinu carraa kan uumeefi adeemsaa abdachiisaa ta'uu isaas dubbataniiru.

Marii kanarratti hirmaattuu kan ta'an aadde Muluneesh Waqtoolaa akka ibsanitti; Mariin biyyaalessaa kun gosa, sabaafi naannolee hunda bira darbee dubartoota, qaama miidhamtoota, qaamota dhiibbaa uumanii fi paartilee siyaasaa hirmaachiseera.

Hirmaachisummaan waltajjichaa nagaa waaraa biyyattiif fiduuf kan dandeessisu ta'uu ibsaniiru.

Hirmaataan biraa Saamu'el Biraanuu; Mariin biyyaalessaa haala gaarii ta'een gaggeeffamaa jiraachuu isaa eeruun; rakkoolee jaarraaf hidda gadi fageeffate mariin furuun kan dandeessisu ta'uu isaas dubbateera.

Waltajjiin marichaa kutaa hawaasaa hunda tokkummaa fi iftoominan mari'achiisuun akka wal amanan taasisuudhaan bu'uura guddaa kan kaa'u ta'uu kan dubbatan immoo Obbo Bayyanaa Soolooti.

Marii hunda walitti fidee fi gara furmaata waaraatti ceessisu taasifamaa jiraachuu isaas eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015