Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaniiru-Dr. Biqilaa Hurrisaa

Adoolessa 21/2018 (ENA)- Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuusaanii hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Dameen hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa mata duree ‘komunikeeshiniin bu’a qabeessi paartii cimaaf’ jedhuun gamaaggama hojii bara bajataa 2018 fi karoora bara 2019 ilaalchisee magaalaa Roobeeti waltajjii gaggeessaa jira.

Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa waltajjicharratti dubbii dubbataniin, paartiin badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti seenessa walitti fiduu fi waloo ijaaruudhaan tokkummaa sabdaneessummaa biyyaalessaa gama cimsuutiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jira jedhaniiru.

Dirreen siyaasaa hammataa, hirmaachisaa fi yaadni hedduun kan itti wal jijjiiramu gochuun akkasumas sirna demokiraasii ijaaruu keessatti bu’ura cimaa kaa’aa akka jiru ibsaniiru.

Tokkummaan ilaalchaa fi gochaa hoggantootaa fi miseensotaa jidduutti akka cimu akkasumas ijaarsi seenessa waloo akka cimu gochuun danda’ameera jedhan.

Dabalataanis maatiirraa eegalee sadarkaa biyyaatti badhaadhina mirkaneessuuf hojjetamaa turuusaa kaasanii, bu’aan qabatamaas galmaa’aniiru jechuun dubbataniiru.

Sirni siyaasaa hammataa, hirmaachisaa akka jiraatu kan gargaaran hirmaannaa damee hariiroo ummataa fi qooda fudhattootaan hojjetamuusaanii ibsaniiru.

“Paartiin badhaadhinaa qofaasaa biyya jijjiiruuf kan ka’e miti” kan jedhan Dr. Biqilaan,yaadamni siyaasaa haaraan hammataa fi hirmaachisaan dhimma biyyaarratti yaadama ida’amuutiin akka gabbatu taasiseera jedhaniiru.

Bara bajataa 2018 filannoon walii galaa 7ffaan bilisa, nagaa qabeessaa hirmaachisaa fi demokiraatawaa ta’ee gaggeeffamuunsaa milkaa’ina biyyaalessaa isa guddicha ta’uu kaasaniiru.

Sagalee ummanni Partii badhaadhinaaf kenne bu’uureffachuun waggoota shaman dhufanitti mootummaa hundeessuudhaan imaanaa ummanni kenneeh ciminaan bahachuudhaaf qophaa’uusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan waggoottan shaman dhufan badhaadhina biyyaa hunda galeessa mirkaneessauuf kutannoon hojjechuuf qopaa’uusaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015