Pirojektiin Jallisii ‘welmal’ Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuun omishaa fi oomishummaa guddisuu dandeessiseera - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Jallisii ‘welmal’ Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuun omishaa fi oomishummaa guddisuu dandeessiseera
Adoolessa 21 / 2018 (ENA): Pirojektiin Jallisii 'Welmal' hojii qonnaa hirkattummaa roobaa irraa adda baasuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf dandeettii uumuusaa Ministeerri Jallisii fi Naannoowaa Gammoojjii beeksise.
Hoggantoonni hojii Ministeerichaa fi ogeeyyiin miidiyaa godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hawaasa naannichaaf tajaajila kennaa kan jiru Pirojeektii Jallisii 'Welmal' daawwataniiru.
Pirojeektichi oomishaa fi oomishtumma qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa naannichaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.
Pirojeektichi xiyyeeffannoo mootummaatiin bara baajatichaatti ijaaramee tajaajilaaf kan gahe yoo ta'u, hawaasa naannichaa fayyadamoo Jallisii taasisaa jira.
Daawwannaa dirree kana irratti kan argaman Ministeera Jallisii fi Naannoo Gammoojjiitti itti gaafatamaan Waajjirri Sagantaa Pirojeektii Jallisii Obbo Ashannaafii Likkaasaa akka jedhanitti, biyyattii keessatti sararoota jallisii babal’isuun birmadummaa nyaataa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Kanaanis qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan filannoowwan bishaanii garagaraa fayyadamuun omishaa fi omishtumma guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan raawwataman keessatti bu’aawwan jajjabeessoon argamuu isaanii ibsaniiru.
Naannoo qonnaan bulaa fi horsiisee bulaatti hanqinni roobaa fi hongee jireenya lammiileetti qormaata ta’ee turuu kan ibsan Obbo Ashannaafiin; naannoo naannootti waggoota jijjiirama darban keessatti bu’uuraalee misooma jallisii filannoo ta’an ijaaramaniin jireenyi isaanii jijjiiramaa dhufuu dubbataniiru.
Kanaafis godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti Pirojeektiin Jallisii ‘Welmal’ ijaarame fakkeenya tokko yoo ta'u, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota duraan sagantaa seeftineetiin gargaaramaa turan hirkattummaa roobaa irraa bilisa ta’uun waggaa keessatti yeroo lamaa fi sadii oomishuun fayyadamaa akka ta’an haalli dandeessisu uumameera.
Pirojektichi lafa hektaara kuma 12 ol misoomsuu dandeettii kan qabuu fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 24 ol fayyadamoo kan taasise ta’uu ibsaniiru.
Bulchaan Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Umar Mahaammad gama isaaniitiin, aanichatti lafti qonnaa misoomuu danda’u bal’aa ta’us hir’ina roobaarra kan ka’e hawaasni naannichaa gargaaramaa seeftineetii ta’ee turuu yaadachiisaniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaatiin bara kana ijaaramee tajaajilaaf kan gahe Pirojeektiin Jallisii Welmal qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan waggaatti yeroo sadii misoomsuun sadarkaa jireenya fooyya’aatti akka ce’an gargaaraa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota ganda Gomgomaa keessaa Ismaa’el Amaan yaada kennaniin,ammaan duraa isaan dabalatee jiraattonni naannoo isaanii biroon sagantaa seeftineetiin hammatamanii gargaaramaa turuu dubbataniiru.
Pirojektiin Jallisii xumuramuusaan lafa hektaara 1tuqaa 5 irratti oomisha gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamaa ta’uu jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana qullubbii adii misoomsaa jiran irraa qarshii miliyoona 2 argachuu kan eegan ta’uu dubbataniiru.
Ammaan dura waktii roobaa qofa eeguun waggaatti al tokko oomishaa kan turanii fi jireenyi isaanii harka afaanitti qofa ta’aa akka ture kan ibsan immoo fayyadamoo Jallisii biroo Obbo Adam Bayyaanidha.
Yeroo ammaa pirojeektii Jallisii fayyadamuun oomisha bal’inaan omishaa jiraachuu dubbataniiru.
Obbo Abdullaahii Jibriil gama isaaniitiin, pirojeektiin Jallisii‘welmal ‘ eeggattummaa Seeftineetii irraa bilisa nu baasuun akka of dandeenyu nu gargaareera; jallisiin deeggaramuun midhaan akkasumas kuduraa fi muduraa gabaaf dhiyaatu misoomsuun fayyadamoo taaneerra jedhaniiru.