Tamsaasa Kallatti:

Gibira yeroosaattii fi sirnaan kafaluun dirqama Lammummaa keenya bahaa jirra – kaffaltoota gibiraa Naannoo Hararii

Adoolessa21/2018(ENA):Gibira Sirnaanii fi yeroon kaffaluun dirqama lamummaasaanii bahaa jiraachuu kaffaltoonni gibiraa Naannoo Hararii ibsani.

Naannoon Hararii kaffaltoota gibiraa amanamoo gibira isaanirraa eegamu yeroon kaffalaniif beekamtii kenneera.

Kaffaltoonni gibiraa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti gibira isaanii sirnaanii fi yeroon kafaluun dirqama lammummaa isaan irraa eegamu bahaa jiru.

Kaffaltoota gibiraa amanamoo naannichaa keessaa hojii wal’aansa Ijaarratti kan bobba’an Dr.Nuuraddin Abdii akka jedhanitti; gibira narraa eegamu yeroon kaffaluu kootiin beekamtiin naaf kenname hojii caaluuf kan nakakaasuudha jedhaniiru.

Kaffaltoota gibiraa irraa galiin walitti qabamu misooma naannoof kan oolu ta’uusaa ibsaniiru.

Gibira sirnaa fi amanamummaan kafaluun dhaloota dhufuuf biyya mijattuu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa ofii kaa’uu kan dandeessisuudha jedhaniiru.

Magaalittiitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an Haayiluu Kasaa fi Aadde Yusraa Mahaammad gama isaaniitiin, gibira kaffaluun misoomaa fi guddinaaf gahee taphatu hubachuun dirqama lammummaa keenya bahaa jirra jechuun dubbataniiru.

Keessattuu yeroo ammaa kana hojiwwan misoomaa raawwatamaa jiran irraa fayyadamaa ta’uun keenya yeroo fi karaa sirrii ta’een gibira kafaluu keenya itti fufna jedhaniiru.

Mootummaa naannichaatiin beekamtiin nuuf kennamees caalaatti hojjechuuf fi warra kaaniif fakkeenya ta’uuf kan isaan kakaase ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Galiiwwan Naannichaa Yaasin Abdullaahii akka ibsanitti naannichatti fedhiirratti hundaa’uun gibira guddisuun baasii misoomaa naannichaa dandeettii ofiitiin uwwisuuf karoorfatamee hojiitti galameera.

Keessattuu seerota taaksii hojiitti galchuun kafaltiin taaksii haqa qabeessa ta’e raawwatamaa kan jiru yoo ta’u kun yeroo gara yerootti guddachaa fi jijjiiramni irratti galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Bara baajataa kanatti naannichatti matadureewwan galii garagaraatti galii birrii biiliyoona 6 fi miliyoona 4 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galameera.

Fuuldurattis sirna walitti qabinsa taaksii ammayyeessuu fi hawaasni daldalaa adeemsa walitti qabinsa taaksii irratti hojiin hubannoo kennuu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015