Afriikaan Madda Faayinaansii Waaraa fi Amansiisaa Uumuun Dhiibbaa Ishee Addunyaarratti Cimsachuu Qabdi - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan Madda Faayinaansii Waaraa fi Amansiisaa Uumuun Dhiibbaa Ishee Addunyaarratti Cimsachuu Qabdi
Adoolessa 21/2018 (ENA)-Afriikaan madda faayinaansii waaraa fi amansiisaa ta’e uumuun dhiibbaa ishee sadarkaa addunyaatti cimsachuu akka qabdu Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Federaalawa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan.
Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtaa Afriikaa 49ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Ga’uu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, Barreessaa Olaanaa Komishinii Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kilaver Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ediwaardi Biizimaanaa, Ministironni Dhimma Alaa biyyoota miseensotaa, dippiloomaatoonni fi keessummoonni biroo argamaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos yeroo kanatti akka jedhanitti, dorgommiin ji'o-politikaa, ce’umsi teeknoolojii fi dhiibbaan jijjiirama qilleensaa sirna addunyaa irratti jijjiirama guddaa fidaa jiru.
Afriikaan haala jijjiiramaa addunyaa fi tilmaamamuu hin dandeenye kana akka carraa gaariitti fayyadamuun, fedhii mataa isheetiin kan bocamtu ta'uu akka qabdus ibsaniiru.
Kanaafis, dhaabbileen ardichaa haala qabatamaa addunyaa ilaalcha keessa galchuun hojii riifoormii gochuu akka qaban dubbataniiru.
Gamtichi sirreeffama teeknikaa muraasa irratti qofa osoo hin daangeffamiin, murteewwan tarsiimoo fi siyaasaa hammate riifoormii gadi fageenyaa gochuu akka qabu hubachiisaniiru.
Afriikaan sagaleen ishee sadarkaa addunyaatti dhageetii akka argatuuf, dhiibbaa uumuu fi maddaa faayinaansii waaraa fi madaallamaa mataa ishee qabaachuu akka qabdu eeraniiru.
Kanaanis Afriikaan rakkoolee addunyaatiif furmaata ardichaa uumuun shoora murteessaa taphachuun akka irraa eegamu ibsaniiru.
Afriikaan qormaatilee ishee mudatan keessa ta'uun guddina galmeessisaa jiraachuu kan eeran ministirichi, akka lakkoofsa Faraanjitti bara 2026tti biyyoota 10 addunyaa irratti ariitiidhaan guddatan keessaa saddeettan isaanii biyyoota Afrikaa akka ta’an eegama jedhaniiru.
Gamtaan Afriikaa dhimmoota addunyaa irratti dhiibbaa uumuuf akka isa dandeessisu riiformii gochuudhaan, madda faayinaansii waaraa fi madaallamaa qabaachuu akka qabu agarsiisaniiru.
Qabeenyi Afirikaas dhaabbilee fi caasaa ardichaatiin bulfamuu akka qabu eeraniiru.
Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa akka dhaabbata tokkummaa fi mul'ata waliinii ardichaa isa ijoo ta'etti kan ilaaltu ta'uu ibsuun, imaammata, tarsiimoo fi galma waaraa gamtichaa milkeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetamu ta'uudhas hubachiisaniiru.
Yaa'iin Hojii Raawwachiiftota Gamtichaa gabaasa raawwii fi hojiirra oolmaa mata duree bara 2026 Gamtaa Afrikaa irratti dhihaate irratti gadi fageenyaan ni mari'ata.
Dabalataanis, waliigalteewwan Gamtaa Afriikaa ariitiidhaan akka mirkanaa'anii fi hojiirra oolaniif, akkasumas gabaasa koree hojiirra oolmaa galma Ajandaa 2063 irratti ni mari'ata jedhamee eegama.