Tamsaasa Kallatti:

Afriikaan ajandaa ishee hojiirra oolchuuf qabeenya mataashee fayyadamuu irratti xiyyeeffachuu qabdi

Adoolessa 21/2018 (ENA): Afriikaan qabeenya ofii fayyadamuudhaan ajandaa ishee hojiirra oolchuu fi kaayyoo ishee galmaan gahuu irratti xiyyeeffachuu qabdi jedhan Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Edwaardi Biizimaanaa.

Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Kaayyoo Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa Buruundii fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa Edwaardi Biiziimaanaa Afriikaan dhimmoota waloo ishee irratti sagalee tokkoon fi gamtaa tokkoon akka dhaabbattu dhaamaniiru.

Ministirri kun Afriikaanonni dantaa waliigalaa isaanii mirkaneessuuf tokkummaa waloo cimaa duudhaalee Paan Afriikaanizimii irratti hundaa’e ijaaruu qabu jedhan.

Akkasumas biyyoonni Afrikaa haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti ejjennoo waloo akka qabaniifi bu’uuraaleen Gamtichaa sirnaan hojiirra ooluu fi hordofamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bu’uuraaleen kunneen fedhii Afrikaa dirree idil-addunyaa irratti guddisuuf meeshaalee ijoo ta’uu ibsaniiru.
Faayinaansii itti fufiinsa qabu Gamtichaa ilaalchisee Ministirri kun Afrikaan qabeenya ofii fayyadamuudhaan ajandaa mataa ishee hojiirra oolchuu fi murtee kennuu keessatti walabummaa ishee eeguu irratti xiyyeeffachuu qabdi jedhan.

Dabalataanis biyyoonni Afriikaa gama kanaan deeggarsa maallaqaa gochuu qabu jedhan.
Waliigalteen mallattoo bilchina siyaasaa malee dadhabina akka hin taane eeruun, biyyoonni Afriikaa duudhaalee waloo walitti dhiheessan akka barbaadaniif meeshaa ijoo ta’uu dubbatani.

Ajandaawwanii fi waadaa galaman gara bu’aa qabatamaa jireenya Afriikaanota jijjiirutti hojjechuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015