Mariin Biyyaalessaa haala milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa haala milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jira
Adoolessa 21/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa milkaa’inaan gaggeeffamaa jira jedhan Komishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa.
Adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisuun Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsa kennaniiru.
Komishinarri Olaanaa ibsa isaanii keessatti mariin biyyaalessaa kun milkaa’inaan gaggeeffamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Akkasumas mari’attoonni ajandaawwan irratti ramadaman irratti garee isaaniitiin mari’achaa akka jiran fi dhimmoota mari’atan sirnaan galmeessuu isaanii ibsaniiru.
Kanaafuu, adeemsa marii kanarratti yaadonni qooda fudhattoota irraa walitti qabaman gara garee shantamaa ,achiin garee dhibba lamaafi shantamaatti ykn garee tarsiimootti akka dhiyaatu himaniiru.
Kanaaf adeemsa marii irratti yaadonni bilisaan dhiyaachaa akka jiranii fi sadarkaa sadarkaan mariin gaggeeffamaa akka jiru dha malee, ajandaa murtee dhumaarra gahe akka hin jirre eeraniiru.
Marii garee yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru erga xumuranii booda torbee dhufu marsaa itti aanutti akka ce’an beeksisuun, kunis marsaa marii dhibba shanii ta’a jedhaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#