Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa deeggarsa guddisuun fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira

Adoolessa 21/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa aadaa deeggarsaa guddisuu fi jireenya lammiilee fooyyessaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii.

Magaalaa Jimmaatti tajaajila tola ooltummaan qarshii miliyoona 63 ol baasii taasisuun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruuf nyaataa fi meeshaaleen deeggarsaaf oolaniiru.

Deeggarsa taasifame keessaa jireenya lammiilee itti fufinsaan kan fooyyessuu danda’an gaagura kanniisaa fi cuucii lukkuu ta’uu ibsameera.


Akka itti gaafatamaan damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Namarraa Bulii himanitti kallattii mootummaan kaa’e keessaa tokko tajaajila tola ooltummaatiin jireenya lammiilee fooyyessuudha jedhani.

Itti dabaluunis tajaajilli tola ooltummaa hojii jijjiiramaa fi misooma walitti fiduun jireenya lammiilee jijjiiru ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilli kun aadaa wal-deeggarsa horachuu fi jireenya lammiilee haala qabatamaa ta’een fooyyessaa akka jirus obbo Namarraan eeraniiru.

Aadaa ummataa jiru keessaa tokko wal deeggarsa ta’uu eeruun, waggoota sadii hanga afur darbanitti naannichatti pirojektoonni gurguddaa 50 ol tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuu isaanii ibsaniiru.
Deeggarsi guddaan barattoota, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroof taasifamuu fi jijjiirama fidees eeraniiru.


Tajaajilli tola ooltummaa imala hiyyummaa keessaa ba’uuf karoora qabame irratti jijjiirama guddaa fidaa jiraachuu kan himan obbo Namarraan, lammiileen waggoota dura gargaarsa irratti hirkatanii turan gara of danda’uutti ce’aniiru jedhan.


Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaniitiin, tajaajilli tola ooltummaa aadaa wal deeggarsaafi tokkummaa lammiilee guddisa jedhan.

Abbootii qabeenyaa, jiraattotaa fi dhaabbilee magaalaa Jimmaa har’a hojii tola ooltummaa kana irratti hirmaataniif galata galchaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015