Yaa'iin Idilee 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Jalqabe - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin Idilee 49ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Jalqabe
Adoolessa 21/2018 (ENA): Yaa’iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti eegaleera.
Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.
Baniinsa yaa’ichaarratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf; Ministirri Dhimma Alaa Rippabiliika Federaalaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos; Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kilaver Gateetee; Ministira Dhimma Alaa Buruundii fi Dura taa’aa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu, Ediwaardi Biizimaanaa, Ministiroota Dhimma Alaa Biyyoota Miseensotaa, dippiloomaatotaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.
Ministiroonni kunneen dursa ijoo fi dhimmoota walitti hidhaminsa ardii Afriikaa saffisiisan irratti ni mari’atu.
Gabaasa Koree Raawwii Ajandaa 2063, akkasumas haala raawwii waliigalteewwanii fi bu’uuraalee Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa ammaa jalatti argaman ni gamaaggamu.
Hojiirra oolmaa Mul'ata Gamtichaa bara 2026 irrattis ni mari'atu jedha odeeffannoon Gamtaa Afriikaa irraa argame akka mul’isutti.
Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa hanga guyyaa Boruutti itti fufa.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#