Xaafii Kilaasteraan omishuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun danda’ameera - ENA Afaan Oromoo
Xaafii Kilaasteraan omishuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun danda’ameera
Adoolessa21/2018 (ENA): Godina Shawaa Lixaatti Xaafii kilaasteraan omishuun Fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluun danda'amuu Bulchaan Godinichaa Obbo Diidhaa Guddataa ibsan.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersaa Laafootti qonna gannaan xaafii kilaasteraan lafa hektaara kuma 4 irratti misoomsuun hojjetameera.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa guddataa bara omishaa kanaatti godinichatti omishaa fi omishtummaa dabaluun galma nyaataan of danda’uu qabame milkeessuuf hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Xiyyeeffannoo olaanaa waggoota jijjiiramaa asitti damee qonnaatiif kennameen teekinooloojii qonnaa sirnaan fayyadamuun waan danda’ameef omishaa fi omishtummaa guddisuun danda’amuusaa ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaaa obbo Tafarraa Araarsaa gamasaaniin godinichatti omishtummaa Xaafii guddisuuf hojiiwwan dandeessisan hedduun raawwatamaa turuusaanii fi kanaanis fayyadamummaan qonnaan bulaa dabalaa dhufuusa ibsaniiru.
Godinichatti bara omishaa kanaatti lafa heektaara kuma 84 sanyii xaafii facaasuuf karoorfamee, hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 58 sanyiin facaafamuu dubbataniiru.
Bulchaan Aanaa Ejersa Lafoo obbo Kabbadaa Lalisaa qonna gannaa qabame kanaan lafa hektaara kuma 25n ol midhaan gosa adda addaan facaasuuf karoorsanii hojiitti seenuu ibsaniiru.
Kana keessa lafa hektaara kuma 12 irratti xaafii omishuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Godinichatti omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf galteewwan qonnaa Xaa’oo biyyee fi sanyii filataama haala fooyyee qabuun dhihaachuusaa ibsuun, paakeejiiwwan qonnaa guutummaan hojiirra akka oooluuf deeggarsi ogummaa taasifamaa jiraachuu himaniru.
Bara omishaa qabame kanatti ciminaa fi qindoominaan hojjechuun lafa hektaara tokko irraa omisha xaafii hanga kuntaala 21 argachuuf karoorsanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.