Leenjiin Dargaggoota Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dippilomaasii keessatti kabachiisan horachuuf dandeessisu kennamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Leenjiin Dargaggoota Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dippilomaasii keessatti kabachiisan horachuuf dandeessisu kennamaa jira
Adoolessa20/2018(ENA):Leenjiin dargaggoota damee dippiloomaasiitiin faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan horachuuf dandeessisu kennamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Dhimma Alaa ibse.
Sirni jalqabsiisaa leenjii gannaa (Summer Camp) dippiloomaasii marsaa lammaffaa ji'aa tokko Inistitiyuutii Dhimma Alaatti gaggeeffameera.
Akka Inistitiyuutichi ibsetti, Addunyaa saffisaan jijjiiramaa fi walxaxaa ta'aa dhufe keessatti humna namaa dandeettii fi ogummaa dippilomaasii qabu horachuun barbaachisaa dha.
Daarektarri olaanaa michummaa tarsiimowaa Inistitiyuutichaa fi Itti gaafatamaan waajjira daarektara olaanaa yeroo Dr. Gizaachoo Asiraat, leenjichi dargaggoonni adunyaa saffisaan walitti hidhamaa fi walxaxaa ta'aa dhufe keessatti amantaa guutuun akka hirmaatan, yaada xiinxala murteessaa, aadaa dandeettii walii galtee ce’uu, dandeettii gaggeessummaa fi dandeettii furmaata rakkoo akka argatan gahoomsuuf faayidaa olaanaa qabaachuusaa hubachiisaniiru.
Inistitiyuutichi dargaggoota irratti fuuldurattis invastii gochuun dhimmoota biyyaalessaa, naannoofi addunyaarratti hirmaannaa hiika guddaa qabu kan gumaachu dhaloota haaraa horachuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.
Fuuldurattis dippilomaatonni dargaggoonni Itiyoophiyaa dhimmoota biyyaalessaa, Ardii fi addunyaarratti hirmaannaa dammaqaa akka taasisan waltajjiiwwan dandeessisan uumuun akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Leenjichi dandeettii beekumsaa fi gaggeessummaa guddisuuf, hirmaannaa odeeffannoo irratti hundaa'e jajjabeessuuf fi dhaloota dorgommii addunyaa gitu ijaaruuf akka gargaaru dubbataniiru.
Leenjii gannaa marsaa tokkoffaa bara darbe gaggeeffameen hirmaattonni walitti hidhaminsa ogummaa akka uumanii fi Itiyoophiyaa Idil-Addunyaatti gahee qabdu irratti hubannoo bal'aa akka argatan carraa kan uume ta'uu yaadachiisaniiru.
Leenjii baranaa kana keessatti mariin Imaammataa, gaggeessitoota dippilomaasii bebbeekamoo, hayyootaa fi Imaammata baastota waliin mariin taasifamu hojileen leenjichaa ijoo ta'uu kaasaniiru.
Daarektarri olaanaa leenjii qaamolee dhimmi ilaaluufi tajaajila gorsaa Inistitiyuutichaa yeroo Malaakuu Mulaalam; Inistitiyuutichi qorannoo gad fagoo,ragaa tarsiimawaa fi dandeettii dippilomaasii gabbisuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa tajaajiluuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Leenjii gannaa marsaa lammaffaa kana keessatti walitti dhufeenya idil-addunyaafi imaammata alaa wajjin kan wal qabatan matadureewwan leenjii 10 ol kan hammataman ta'uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii ta’uusheen, leenjiin ji'a tokkof turu kun dargaggoonni waa'ee dippilomaasii beekumsa qaban gochaan kan gabbifatan ta'uu ibsaniiru.
Leenjiin boodas dargaggoonni Inistitiyuuticha wajjin sagantaalee garaagaraarratti akka hirmaatan carraan kan jiru ta'uu dabaluun ibsaniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan dhimmoota Riijinii fi Idil-Addunyaarratti gaheen qabdu dagaagaa waan dhufee fi itti gaafatamni Inistitiyuutichaas dabalaa dhufuusaa ibsaniiru.