Tamsaasa Kallatti:

Yaa'iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Har'a Jalqaba

Adoolessa  21/2018 (ENA): Yaa’iin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala.

Walgahichi mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.

Walgahichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu Komishinii Gamtaa Afrikaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, ministeerota dhimma alaa biyyoota miseensa ta’an walitti fiduun aantummaa fi dhimmoota ijoo walitti hidhaminsa ardii Afrikaa saffisiisan irratti mari’atama.

Walgahii kanarratti ministiroonni kunneen gabaasa Koree Raawwii Ajandaa 2063, akkasumas haala raawwii waliigalteewwanii fi bu’uuraalee Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii fi Gamtaa Afrikaa ammaa jalatti argaman ni gamaaggamu.

Hojiirra oolmaa Mul'ata Gamtichaa bara 2026 irrattis ni mari'atama jedhameera.

Walgahiin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu kun qaama tattaaffii  Gamtaa Afrikaa ‘AU’n qindoomina imaammataa cimsuu fi hojiirra oolmaa ajandaa ardii kanaa saffisiisuuf taasisaa jirudha.

Walgahiin akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara 2017 fooyya’insa miseensota dhaabbilee Hoggantoota Biyyootaa fi Mootummoota Gamtaa Awurooppaatiin raggaasifaman ka’umsa kan taasifatedha.

Haaromsichi qoodinsa itti gaafatamummaa biyyoota miseensa Gamtaa Afriikaa ’AU’ ta’anii, haala dinaagdeefi hojmaata Ardii gidduutti jiru ifatti kaa’a.

Akkasumas walgahii waggaa Gamtaa Afriikaa ‘AU’ ji’a Waxabajjii fi Adoolessaa keessa gaggeeffamu hambisuun, walgahii waloo haaraa Gamtaa Afriikaa dhaabbilee ardii kanaa waliin hojjetuun bakka buusuu danda’eera.

Bu’aan walga’ii kanaa mul’ata yeroo dheeraa Gamtaa Afrikaa (Ajandaa 2063) kan misooma itti fufiinsa qabu, walitti hidhamiinsaa fi badhaadhina ardii kanaaf galmaan ga’uuf qophaa’e milkeessuuf gumaacha olaanaa akka qabu odeeffannoon Gamtichaa ni mul’isa.

Walgahiin Idilee 49ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa hanga guyyaa Boruutti itti fufa.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015