Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afriikaaf gahee ishee bahachaa jirti

Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itoophiyaan tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf gahee ishee bahachaa jirti jechuun ibsan qondaaltonni mootummaa Ruwaandaa.

Akkaadamii Waraanaa Itiyoophiyaa kaadhimamtoota koorsii Matammaa marsaa 71ffaa leenjise

eebbisiiseera.

Akkaadamiin kun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufanis leenjisee eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa  lammii Ruwaandaa kan ta’e  itti aanaan ajajaa dhibbaa Negeenaa Luusii  akkaadamiicha keessatti barnoota qalamaa fi gocha irratti hundaa'e argachuu isaanii ENA’tti himaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo waraana Kooriyaa, Riwaandaa fi hojii nageenya kabachiisuu biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti hirmaatte keessatti seenaa boonsaa galmeessiteetti jechuun ibsaniiru.

Lammiin biyya Ruwaandaa Itti Aanaan ajajaa Dhibbaa Fireemootwaa Hiirwaa, akkaadamiicha keessatti barnootaa fi leenjii gochaa fi qalamaa hojii isaanii gahumsaan raawwachuuf isaan dandeessisu argachuu isaanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaan shororkeessummaa ittisuun nageenyaa fi tasgabbii addunyaatiif hojjechaa turteetti; akkasumas nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf adda duree ta'uun tajaajilaa jirti jechuun ibsaniiru.

.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf tumsi biyyootaa murteessaa ta'uu isaa ibsanii, akkaadamii waraanaa Itiyoophiyaa keessatti leenjii argachuun isaanii Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaaf tumsa taasistu kan agarsiisu ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015