Mariin Biyyaalessaa Ijaarsa Mootummaa Cimaafi labsii Injifannoo Walooti - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Ijaarsa Mootummaa Cimaafi labsii Injifannoo Walooti
Adoolessa 20/2018(ENA):Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuufi injifannoo waliinii kan labsu ta'uu qaamoleen dhaabbilee hawaasa sivilii maricharratti hirmaatan ibsan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa jiran mariisisuun ajandaawwan mariif dhihaatan saddeet ifoomsuun isaa kan yaadatamu dha.
Kanaanis hirmaattonni kuma afur ta'an Finfinnee Konveenshinii Idil - Addunyaa Addisitti marii'achaa jiru.
Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Itiyoophiyaa Obbo Ahimad Huseen ENA’f akka ibsanitti; marichi fedhii fi ilaalcha walii sirriitti hubachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.
Mariin kun lammiileen fedhii isaanii ibsuufi yaada waliisaanii dhaga'uuf haala mijataa uumuusa ibsaniiru.
Walga'ichi yaadni ijaarsaa fi bu'a qabeessa ta'an kan itti ka'an Itiyoophiyaatti aadaafi muuxannoo haaraa ta'uu isaa eeraniiru.
Lammiilee gidduutti wal-amantaa uumuu kan dandeessisuu walga'ii hirmaachisaafi hammataa ta'uu isaatiin ijaarsa mootummaaf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Daarektarri Waldaa gamtaa Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Obbo Masuud Gabayyoo,yaa’iin marii biyyaalessaa rakkoolee bara dheeraaf hidda gadi fageeffatan buqqisuuf tarkaanfiifi milkaa'ina guddaa ta'uu isaa ibsaniiru.
Hirmaattonni hawaasa bal'aa ajandaawwan garaa garaarratti dammaqinaan yaada irratti kennaa kan jiran ta'uu isaanii taajjabdoota kudhanii ol bobbaasuun hubachuu isaanii dubbataniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hirmaattota Itiyoophiyaa guutuurraa walitti babba'an yaada isaanii afaan isaaniitiin bilisummaadhaan ibsuufi dhaga'uu akka danda'anaf turjumaanota bobbaasuu isaa ibsaniiru.
Hirmaattonni marichaa hirmaannaa ho’aan marii’achuun ajandaawwanirratti waligaltee siyaasaa waloo uumuun furmaata dhaabbataa fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Hojii gaggeessaa olaanaan Federeeshiinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Yoseef Abarraa gamasaatiin, marii kana irratti hirmaachuun muuxannoo fi beekumsa garaagaraa argachuusaa ibseera.
Maricharratti yaadonni olka'insa Itiyoophiyaa mirkaneessan ka’aa jiraachuu ibsuun, Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya'aatti ceesisuuf milkaa'inni dandeessisu akka galmeeffamu abdiin qaba jedheera.