Bara bajataa kana naannichatti omishaa fi oomishtummaa dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bara bajataa kana naannichatti omishaa fi oomishtummaa dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jira
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti bara bajataa 2019 omishaa fi oomishtummaa dabaluu fi Qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa naannicha Aadde Roozaa Umar ibsaniiru.
Itti aantuun pirezdaantii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa Aadde Roozaa Umar hojiiwwan bara 2019 hojjetamuuf karoorfaman ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii keessatti hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaniin bu'aaleen jajjabeessaan galmaa'uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan oomisha qonnaa dabaluu fi omishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaa argamuu eeraniiru.
Keessattuu oomishaalee waggaa guutuu misoomuu danda’an keessaa boqqoolloon tokko ta’uu eeruun waqtiilee bonaa fi gannaas oomishamaa turuu eeraniiru.
Naannichatti Bara bajataa 2018 xumurame keessatti lafti heektaara kuma 2 fi 160 boqqolloo misoomsuu eeruun; Bara kana gara lafa heektaara kuma 2 fi 378tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Naannichatti bara baajataa darbe qamadii lafa hektaara tokkorraa kuntaala 32 oomishamee ture bara baajataa kanatti gara kuntaala 33tti guddisuuf karoorfamuu ibsuun, walumaa galatti oomisha kuntaala kuma 14 fi 850 ni abdatama jedhaniiru.
Bara baajataa kanatti walumaagalatti lafti heektaarri kuma 11 fi 956 sanyiin kan facaafamu fi kana keessaa lafti heektaarri kuma 2 fi 378 irra Boqqoolloon akka facaafamu ibsaniiru.
Kana malees hanqina roobaa dandamachuun oomisha hedduun kan irraa argamu oomisha mishingaa dachaan dabaluun fayyadamtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf kan hojjatamu tahuu ibsaniiru.
Dabalataaniis lafa heektaara kuma 4 fi 700 jallisii bonaatiin oomishaalee midhaanii, kuduraa fi hundee adda addaa kan oomishamu ta’uu fi lafti hektaarri 537 qonna magaalaatiin kan misoomu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bulaan hirkattummaa roobaa jalaa baasuu fi filannoo biroos akka fayyadamu gochuu himaniiru.
Kanaafis dhiyeessii galteewwan qonnaa, qophii lafaa fi hojii ijaarsa dandeettii ogeeyyii qonnaatiis hojjetameera jedhan.
Oomishtummaa misooma beeyladaa fi qurxummii guddisuufis xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisan dhiyeessuu alattis baadiyaatti sagantaa maaddii madaalaawaa milkeessuuf qabame bu'a qabeessa taasisuuf mandaroota hanqaaquu 18 hundeessuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Dabalataaniis lafa hektaara 600 irratti hojiiwwan eegumsa biyyee fi kunuunsa qabeenya uumamaa hawaasa hirmaachise akka hojjetamu ibsaniiru.
Kana malees bara bajataa kanatti lakkoofsa gargaaramtummaa jiru gara zeerootti gadi buusuuf akka hojjatamu himaniiru.