Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti biqiloonni faayidaa adda addaa qaban lafa hektaara kuma 733 irratti dhaabamaniiru

Adoolessa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara kuma 733 biqiltuu faayidaa hedduu qaban dhaabaniiru jedhe Biiroon Qonna Naannichaa.


 

Akka Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Indaashaawu Jamaanee ENAtti himanitti, yeroo Ganna amma jiruun naannichatti lafa heektaara miliyoona tokkoo qabxii tokko irratti biqiltuu gosa adda addaa dhaabuuf karoorri qabamee hojiitti galameera.

Lafa karoorfame keessaa hanga ammaatti heektaara kuma 733 ol biqiltuuwwan faayidaa hedduu qabaniin dhaabamuu himaniiru.

Biqiltuun naannicha Godina hunda keessatti dhaabamaa akka jiru ibsanii, irra caalaa uwwisa bosona, nyaata beeyladaa, leemmana, miidhaginaa fi nyaataaf kan oolu ta’uu dubbatani.

Biqiloonni kunneen mootummaa, waldaalee fi namoota dhuunfaan kan qophaa’an ta’uu, yeroo ammaa kana kutaaleen hawaasaa hedduun misooma isaa irratti hirmaachaa akka jiran hubachiisaniiru.

Daarektarri kun itti dabaluudhaan biqiltuu dhaabuun qofti galma nama hin geessisu waan ta’eef, akkuma hawaasni dhaabbii biqiltuu irratti dammaqinaan hirmaate, kunuunsa isaafis waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015