Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan riijinicha keessatti nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jirti

Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el ibsan.

Simpooziyeemiin lojistiksii fi komunikeeshinii Itiyoophiyaan Izzii Ameerikaa Afriikaa (AFRICOM) waliin ta’uun qopheessitu Finfinneetti eegalameera.

Ministirri maallaqaa Injinar Ayishaa Mahaammad, ajajaan Izzii Ameerikaa Afriikaa Jeneraal Dagviin Andarsan, hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el, hoggantoonni raayyaa ittisaa biyyattii fi hoggantoonni waraanaa biyyoota Afriikaa garagaraa sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaan riijinichaaf akkasumas nagaa fi tasgabbii Afriikaaf kutannoo qabdu yeroo dheeraa ta’uusaa hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el dubbataniiru.

Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee ibsaniiru.

Sirna lojistiiksii fi komunikeeshinii guutuu ta’e mirkaneessuudhaan shororkeessummaa qolachuu fi nagaa buusuudhaan ergama milkaa’aa raawwatteetti jedhan.

Sirni komunikeeshinii qindaa’aan yoo hin gurmoofne rakkisaadha kan jedhan hogganaan kun, xiyyeeffannoo damee kanaaf kennamu karaa yeroo waliin deemuun cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Waltajjiin kun rakkoolee yeroo duulaa fi bobbii quunnaman furuuf tooftaa ammayyaa baasuuf carraa uumuuf ni gargaara jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015