Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa dhaloota egereef  Itiyoophiyaa mijooftuufi jabduu taate ijaaruuf bu'uura kan kaa’u dha - Hirmaattota Marichaa

Adoolessa 19/2018 (ENA):Adeemsi marii biyyaalessaa aadaa waldhaggeeffachuufi waliigaltee waliinii cimsudhaan dhaloota egereef Itiyoophiyaa mijooftuufi cimtuu ijaaruuf bu'uura kan kaa’u ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsaniiru.

Mariin  biyyaalessaa Itiyoophiyaa  Ministirri Muummee  Dr. Abiyyi  Ahimad bakka  argamanitti Adoolessa 8 bara 2018 Finfinnee  Kokonveenshinii Idi-Addunyaa Addisitti  eegalamuunsaa ni yaadtama.

Mariin addaan qoodamiinsa tokko malee hunda hirmaachisee  kun rakkoo waggoota  dheeraaf ture  karaa sirna qaroomina qabuun  mari'achuun furmaata kennuuf   marii  seenaa  qabeessa ta'eera.

Kanaafis  nagaa waaraafi misooma biyyaalessaaf bu'uura cimaa kan kaa'u akka  ta'uu  ni eegama.

Hirmaattonni marichaa ENA’f yaada  kennan marichi dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti waliigaltee waloo uumuun nagaa waaraafi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Hirmaattota keessaa obbo Salamoon Taaffasaa  akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kutaa hawaasaa hundaa hirmaachisee waltajjii seenaa qabeessa mari'achuudhaan biyya nagaan itti fufsiisuu akka danda'amu ifatti kan agarsiisedha  jedhaniiru.

Iddoon sun wal dhabdee irratti ifaa fi bilisaan mari'achuuf carraa bal'aa kan uume ta'uu irraa kan ka'e waliigaltee dhugaa uumuuf kan dandeessisu ta'uu dubbataniiru.

Kutaa Itiyoophiyaa hundarraa hirmaattonni kan argaman ta'uu irraa kan ka'e caalaatti wal beekuuf carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru.

Hirmaataan marichaa biroon  obbo Natsaannat Xaasoo gama isaaniitiin, mariin biyyaalessaa sabaafi sab-lammootaafi qooda fudhattoota biroo hunda kan hammatu ta'uu isaa ifatti kan agarsiisudha jedhaniiru.

Mariichi dhimmoota hedduu irratti  haala  tasgabaa'een mari'achuufi wal dhaggeeffachuudhaan hundi isaanii qixxee kan  itti hirmaatan carraa gaarii kan uume ta'uusaa ibsaniiru.

Marichi rakkooleen keenya durii kan itti furamuufi furmaata waaraa itti argatan iddoo seenaa qabeessa ta'uu kan dubbatan immoo hirmaataa mariichaa obbo Asaffaa Wadaajoo dha.

Naannoowwan biyyattii garagaraa irraa kan walitti dhufan Itiyoophiyaanota dhimmoota waloorratti mari'achuufi tokkummaa saba-daneessummaa isaanii cimsuun itti fufsiisuuf carraa dinqisiisaa ta'uu kaasaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015