Tamsaasa Kallatti:

Damee Bishaaniifi Inerjiitiin Waggoota Shanan darban bu'aawwan gurguddoon galmaa'aniiru

Adooleessa 19/2018 (ENA): Waggoota shanan darban hojiiwwan bu'a qabeessi damee bishaanifi inarjiitiin raawwataman jijjiirrama qabatamaa fiduu isaanii Ministirri Bishaaniifi inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru.

Waggoota shanan darban dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu dhibbeentaa 75 tuqaa 59 ga'uu fi lammiileen miliyoonni 84 ol ta'an fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu ta'uu isaanii ibsaniiru.

Ministeerichi waggoota shanan darban damee bishaanifi inarjiitiin milkaa'ina galmaa'aniif qooda fudhattoota dhaabbilee mootummaa, michoota misoomaa, kontiraaktaroota, gorsitootaafi qaamolee biroo gumaacha godhaniif sagantaa beekamtii fi galatteeffanaa gaggeesseera.


Sirnicharratti kan argaman Ministirri Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa akka ibsaniitti, damee kanaan bu'aawwan galmaa'an qaamolee mootummaa, dhaabbilee naannoofi tattaaffii qindoomina michoota misoomaatiin ta'een kan argamaniidha.

Sirnichi qaamolee gumaacha godhan galateeffachuuf qofa osoo hin ta'iin hojiwwan misooma bishaaniifi inerjii fuulduraa irratti kallattiiwwan qindoominaa cimaa qopheessuuf kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru.

Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajilli saaniteeshinii fooyya'iinsa olaanaa agarsiisuu isaa eeranii, damee misooma bishaan lafa jalaatiin raawwiin dhibbeentaa 87 tuqaa 5 hojjetamuu gabaasni raawwii hojii kan mul'isu ta'uu dubbataniiru.


Guddina damee inerjiitiin pirojektoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee dandeettii elektiriika biyyaalessaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaanii eeraniiru.

Michoonni misoomaafi dhaabbileen deggertootaa deeggarsa hunda galeessa damichaaf taasisaniif galateeffatanii; milkaa'ina galmaa'an itti fufsiisuufi fayyadamummaa lammiilee guddisaa deemuuf fuuldurattis qindoominni cimaan akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015