Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajame - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajame
Adoolessa 19/2018 (ENA): Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala duudhaa amantichaa eegeen kabajameera.
Ayyaanichi haala obbolummaafi waliin jireenya cimsuun kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru.
Ayyaanni Qullubbii Gabre’eelii waggaatti yeroo lama Mudde 19 fi Adoolessa 19 kan kabajamu yoo ta’u, hordoftoonni amantichaa biyya keessaa fi alaa kuma dhibbaan lakkaa’amanii fi daawwattooni biyyoota adda addaa sirnicharratti ni hirmaatu.
Bakkichi iddoo kadhannaa,wareegaa fi galateeffannaa ta'uu isaatiin iddoowwan Turizimii hafuuraatiin biyyattii gurguddoo keessaa tokko taasisa.
Ayyaaneffaannaa kanarratti argamuuf kan dhufan hordoftootni amantichaa; ayyaanichi sirna amantii isaa eeguun, waloon kabajuu isaanii kan dubbataan aadde Tigisti Baqqalaa; ayyaanichi akka sirni amantii ajajutti galgala irraa eegalee waloomaan kabajneerra jedhaniiru.
Keessattuu ayyaanichi nagaan akka kabajamuufi amantoonni nagaan ba'anii nagaan akka deebi'an qaamoleen nageenyaa hojii hojjetaniif galata qabu jedhaniiru.
Ayyaanichi safuu Itiyoophiyaa agarsiisuun wal gargaaruudhaan waliin jireenyaafi nagaan kabajuu isaa kan dubbate immoo dargaggoo Masfin Adduunyaati.
Keessattuu hawaasni naannichaa hirmaattota ayyaanaaf simannaa gaarii taasisuusaanii ibseera.
Ayyaanicharratti yeroo jalqabaaf dhufuusaa kan dubbate hirmaataan ayyaanaichaa biroon Tafarii Mollaa; ayyaanichi sirna amntiin alatti tokkummaa Itiyoophiyaa kan cimsu ta'uun kabajuusaa dubbateera.
Daandiirrattis ta'ee iddoo ayyaanichaatti rakkoon tokkoyyuu akka isaan hin qunnamne kan dubbatan obbo Kabbadaa Imshaawum ayyaanicha nagaan kabajuu isaanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaa kutaa ittisa yakkaa qajeelcha poolisii godina Harargee Bahaa Itti aanaa Komaandaraa Jibriil Adam gama isaaniitiin, ayyaanichi rakkoo tokko malee bifa miidhagaafi nagaan kabajameera jedhaniiru.
Kanaafis, humnoonni nageenyaa naannoo ollaaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, miseensonni milishaa qindaa'uun hojii eegumsaa cimaa hojjetan gumaacha gochuusaa dubbataniiru.
Ayyaanicharratti balaan tiraafikaafi yakki tokkoyyuu akka hin mudanne itti aanaa Komandara Jibriil kan ibsan yoo ta'u, hawaasni naannichaas qaamolee nageenyaa wajjin qindaa'uun hojiin hojjetan jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru