Yunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun Laabiraatorii ammayyaa’aa ijaare mallattoo seenaa michummaa fi hariiroo tarsiimoowaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan argisiisudha - Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggasaa - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun Laabiraatorii ammayyaa’aa ijaare mallattoo seenaa michummaa fi hariiroo tarsiimoowaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan argisiisudha - Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggasaa
Adoolessa 19/2018 (ENA): Yunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun Laabiraatorii ammayyaa’aa ijaare kun mallattoo seenaa michummaa fi hariiroo tarsiimoowaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan argisiisu ta’uusaa Pirezidaantiin yuunvarsiitichaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggasaa ibsan.
Yunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun laabiraatorii ammayyaa’aa leenjiifi qorannoo ijaare hojii eegalchiiseera.
Sirna eebbaa kanarratti Ministira Ittisa Biyyaa Injiiner Ayishaa Mahaammad, Ministira Karooraafi Misoomaa Dr.Fitsum Asaffaa, Jeneraaloota Raayyaa Ittisa Biyyaa, bakka bu'oota Emireetota Araba Gamtoomanii akkasumas attaasheewwan waraanaa biyyoota garaa garaa argamaniiru.
Laabiraatoorichi bal'ina kaaree meetira kuma 20 fi 850 irratti kan ijaarame yoo ta'u, meeshaaleen leenjiifi qorannoof tajaajilan kan guutamaniif ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsitii Raayyaa Ittisa Biyyaa Birigadeer Jeneraal Kabbadaa Raggasaa wayita sana akka dubbatanitti, pirojektichi beekumsa, kalaaqaafi qabeenya namaarratti invastimantii taasifamu misooma waaraafi nageenya biyyaalessaaf bu'uura ta'uu isaa kan mul’isudha jedhaniiru.
Milkaa'ina pirojektichaaf gumaacha kan taasisan Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii deggarsaafi murannoo argisiiseef galateeffataniiru.
Kunis biyyoota obboleeyyaan lamaan gidduu hariiroo cimaafi mul'ata misoomaa waliinii jiru agarsiiftuu dabalataa ta'uusaa ibsaniiru.
Laabiraatoorichi dameewwan hubannoo nam-tolchee(Artificial Intelligence), nageenya saayibarii (cyber security), maandisa quunnamtii,sirna ootomeeshiniifi to'annoo, maandisa Anniisaa, diizayinii 3D, misooma piroototaayipii fi siimuleeshinii naarsingii dabalatee tajaajiltoota sadarkaa Idil-addunyaa eegan qabaachuu isaa dubbataniiru.
Kunis barnoota olaanaaf, qorannoo saayinsaawaaf, kalaqa teekinolojiif, misooma oomishaaf, furmaata maandisummaaf fi ce’umsa teekinoloojiitiif waltajii qindaa’aa akka uumu kaasaniiru.
Milkaa'inni giddugalichaa meeshaalee qofa irratti osoo hin ta'in ogeeyyii gahumsa qaban kan horatu, qorannoo inni maddisiisu, kalaqa inni uumuufi gumaacha qabatamaa biyyaaf gumaachuun kan safaramu ta'uu ibsaniiru.