Tajaajilli tola ooltummaa karaa duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa karaa duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufeera
Adoolessa 19/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa karaa duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufee jiraachuu waajjirri paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii beeksise.
Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsa kennaniin, tajaajilli tola ooltummaa gannaa maallaqa, humnaa fi beekumsa hawaasichaa qindeessuun dandeettii ofiin carraa misoomsuu kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee asitti tajaajilli tola ooltummaa kun rakkoo hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti eegale kunis barattootaa barnoota gannaa barsiisuu,Biqiltuu dhaabuu, tajaajila wal’aansa bilisaa kennuu, dhiiga arjoomuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa walitti qabuu, namoota harka qal’eeyyiif mana ijaaruu fi haaromsuu akkasumaas, hojiiwwan biroos hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Kana malees maaddii waliif qooduun, daree barnootaa haaraa ijaaruufi haaromsuu, manneen barnootaa keessatti teessoo barattootaa suphuu, qulqulleessuu fi miidhagsuu, kitaabota wabii walitti qabuu fi dhimmoota tajaajila tola ooltummaa biroo irratti xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa kanaan kutaalee hawaasaa kuma 344 ol fayyadamoo taasisuuf sochiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa waliif yaaduu fi aadaa wal deggersaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Akkasumaas, duudhaa obbolummaa fi waliin jireenya lammiilee daran akka guddatu gochuu keessatti gumaacha guddaa qabaachuu eeruun, hojiin tola ooltummaa gannaa eegalame kun duudhaa kana qabatamaan haala mul’isuu danda’uun raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa eegalame toora xiyyeeffannoo adda bahan bu'ura gochuun jijjiirama qabatamaa fiduu akka danda'utti raawwii isaafis hordoffii fi deeggarsi eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.