Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti oomisha muduraa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan argameera

Adoolessa 18/2018 (ENA) – Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti oomisha muduraa dabaluuf hojii hojjetameen bu’aan argamuusaa bulchiinsi godinichaa beeksise.

Avokaadoo fi Muuziin dabalataa godinicharraa biyya alaatti ergamu har’a geejjibameera.

Bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir akka ibsanitti, lafaa fi bishaan godinicha keessatti argamutti gargaaramuudhaan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.

Qonnaan bulaaf deeggarsa taasisuun akkasumas teeknooloojiitti gargaaramuudhaan akkuma Bunaa oomishaa fi oomishtummaa Muduraa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera jedhaniiru.

Waggoottan jahan darban sanyii Muuzii fi Avokaadoo fooyya’an babal’isuudhaan gabaaf dhiheessuun akka danda’ame dubbataniiru.

Bara bajataa xumurame Muuzii fi Avokaadoo kiiloo giraamii miiliyoona 6 tuqaa 7 gabaaf dhihaate keessaa kiiloo giraamiin kuma 220 gabaa biyya alaaf dhihaachuu beeksisaniiru.

Hawaasni, keessumaammoo dargaggoonni hojii kanarratti gurmaa’anii bu’aa argachaa dhufuusaanii dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Tiijaanii Tamaam gamasaaniin, qonnaan bulaan sanyii muduraa fooyya’aa dhihaachaafii jiruu fi deeggarsa ogummaatti gargaaramee oomishasaa dabalaa dhufuu dubbataniiru.

Godina jimmaatti jiraataan aanaa Qarsaa qonnaan bulaa Hasan Mahaammad deeggarsa ogummaa naaf taasifamutti gargaaramuun bara 2014 irraa eegalee Avokaadoo oomishee gabaa biyya alaaf dhiheessuudhaan fayyadameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015