Magaalichatti Qonna Ammayyeessuun Wabii Nyataa Mirkaneessuu Bira Darbee Gabaa tasgabeessuun Danda'ameera - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti Qonna Ammayyeessuun Wabii Nyataa Mirkaneessuu Bira Darbee Gabaa tasgabeessuun Danda'ameera
Adooleessa 18/2018(ENA)- Magaalaa Sheggaritti sektara qonnaa ammayyeessuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee gabaa tasgabeessuun akka danda’ame sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Qindeessaan Kilastara Qonnaa fi Misooma Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haailuu ibsan.
Gabaasni raawwii hojii qaamolee hordoffii fi raawwachiisaa yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa bara baajataa 2018 har'a mana mareef dhiyeessera.
Obbo Girmaa yeroo kanatti akka ibsanitti, bara bajataa kanatti jireenya qonnaan bulaa magaalattii fooyyessuuf qonna makanaayizeeshiiniin deeggaruu fi galteewwan qonnaa dhiyeessuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argameera.
Kun akka milkaa’u leenjiin, deeggarsii fi hordoffiin barbaachisaan taasifamuu isaa yaadachiisaniiru.
Magaalichatti bara oomishaa 2017/18 waqtii gannatti lafa hektaara kuma 81 fi 538 midhaan adda addaatiin misoomsuun oomishni kuntala miiliyoona 3 tuqaa 4 argamuusaa dubbataniiru.
Kunis oomisha hektaara tokkorraa argamu gara kuntala 42 tuqaa 2tti guddisuusaa gabaasni dhiyaate ni mul’isa.
Kana malees mootummaan alergii biyyattii guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dinagdee jabeessuuf hojii misooma jallisiitiin lafa hektaara kuma 42 fi 613 irraa oomishni kuuntala miiliyoona 2 tuqaa 6 argamuus dabalanii ibsaniiru.
Bara oomishaa kana lafa hektaara kuma 95 fi 500 misoomsuun oomisha kuuntala miiliyoona 4 tuqaa 5 argachuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Keessattuu mekanayizeeshinii qonnaa guddisuun oomishtummaa qonnaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen jijjiiramni ol'aanaan argamuu isaa ibsaniiru.
Kanaan alatti qonnaan bulaan magaalattii rooba gannaa qofa eeggachuu jalaa ba'uun waqtii hundaatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisi meetir kuubii miiliyoona 171 dhiyeessuun lafa hektaara kuma 42 fi 613 misoomsuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis abbootii warraa kuma 42 fayyadamoo gochuun danda'amuu isaa gabaasa isaaniin ibsaniiru.