Tamsaasa Kallatti:

Manni maree Magaalaa Shaggar yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa eegale

Adooleessa18/2018(ENA)- Mani maree magaala shaggar yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa bara 2018 har’a eegalera.

Yaa'iicharratti gabaasni raawwii hojii qaama raawwachiiftuu kan bara 2018 fi kallattiin karooraa bara 2019 akkasuma gabaasni raawwii hojii qaama seera hiiktuu miseensota Mana Marichaaf dhiyaachuun irratti ni mari'atama.

Af-yaa'ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Obbo Qaabatoo Albee yaa’icha bananiiru..

Manni marichaa yaa'ii isaa kanaan qaboo yaa'ii idilee kurmaana 3ffaa mirkaneessuun ajandaawwan garagaraa irratti ni mari'ata.

Afa-yaa'ii mana maree Magaalaa Shaggar kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee akka ibsanitti, ajandaaleen yaa'ichaa gabaasa raawwii hojii qaama raawwachiisaa akkasumas raawwii hojii Mana murtii olaanaa Magaalaa Shaggar, Gabaasa raawwii hojii mana maree fi labsii taarifa galii mana qopheessaa Magaalaa Shaggar kan dhiyaatan ta'uu himaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggarii fi Mana Maree Magaalaa Shaggaritti Bakka Bu'aa Mootummaa kan ta'an Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee miseensonni Mana Marechaa fi Itti gaafatamtootni Waajjiraalee Magaalaa Shaggar yaa'ii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015