Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira - ENA Afaan Oromoo
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan.
Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata.
Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru.
Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru.
Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru.
Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru.
Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru.
Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru.
Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.