Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru.
Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru.
Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha.
Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.
Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani.
Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru.
Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru.
Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru.
Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru.
Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan.
Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru.
Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #