Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti. - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen
Xurunaa.
Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera.
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira.
Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani.
Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru.
Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan.
Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru.
Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru.
Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #