Tamsaasa Kallatti:

Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun.

Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.


 

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan.

Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru.

Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan.

Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.


 

Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015