Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru.
Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera.
Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru.
Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a.
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru.
Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru.
Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.