Naannichatti Tajaajila Paabliik Sarviisii caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira - Obbo Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Tajaajila Paabliik Sarviisii caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira - Obbo Awwaluu Abdii
Adooleessa 18/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Tajaajila Paabliik Sarviisii caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Sagantaan ifoomsa hojiirra-oolmaa riifoormii tajaajila fi bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka hoggantoonni ol’aanoo naannichaa fi federaalaa argamanitti magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Komishinariin Komishinii Sivil Sarviisii Federaalaa Doktor Makuriyaa Hayilee, hogganantuun Biiroo Paabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Adde Kokkabee Didhaa fi qooda fudhattoonni naannichaa biroon waltajjii kana irratti argamaniiru.
Pirezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Waltajjii kana irratti akka jedhanitti, tajaajila Paabliik Sarviisii naannichaa caalaatti fooyyessuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira.
Riifoormiin kun badhaadhina hunda-galeessa naannichaa mirkaneessuu fi sektara tajaajila ummataa hunda keessatti fooyya’iinsa bu’uuraa fiduu irratti kan fuulleffatedha jedhaniiru.
.
Akeekni guddaan jijjiirrama kanaas bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, tajaajila ummataa qulqullina, si'aayina fi amanamummaa olaanaadhaan kennuudha jedhaniiru.
Rifoormiin jalqabame kun guutummaatti gara hojii qabatamaatti jijjiiramee bu'aa akka fiduuf hooggansi naannichaa kutannoodhaan akka hojjetu dhaamaniiru.
Akkasumas, rifioormiin humnoota nageenyaa irratti gaggeeffame nageenya amansiisaa uumuun riifoormiiwwan biroof bu'uura ta'uu eeraniiru.
Adde Kokkabee Didhaa gama isaaniitiin, akka naannootti tajaajilli wiirtuu tokkoo 58 kennamaa akka jiru fuulleffachiisanii, dandeettii raawwachiisummaa humna namaa cimsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran ibsaa jiru.
Gara fuulduraatti waltajjiin kun tajaajila si'ataa fi ga'umsa qabu ummataaf dhiyeessuuf kallattii haaraa kan saaqu ta'uun ibsameera