Akkaadaamiin loltummaa Hoolotaa qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Akkaadaamiin loltummaa Hoolotaa qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira
Adoolessa 18/2018(ENA)- Akkaadaamiin loltummaa Itiyoophiyaa Hoolotaa etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa bakka argamanitti mooraa akkaadaamichaa Hoolotatti argamutti kan leenjise qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira.
Etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, hogganaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnon, ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu, qondaaltonni jeneraalaa kabajamoo akkasumas ataasheewwan loltummaa biyyoota garagaraa sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.
Qondaaltonni kaadhimamoon leenjii Kanaan caalmaa argatan etaamaajoor shuumii walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa sirni maaraga uwwisuu gaggeeffameera.
Ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu waltajjicharratti dubbiii dubbataniin, leenjiin eebbifamtoonni fudhatan cimina gaggeessummaa walii galaa kan gabbisu ta’uu ibsaniiru.
Qondaaltonni kaadhimamoo beekumsaa fi ogummaa leenjicharraa argatan ergama dirqamaa raayyaa kamiyyuu bahachuuf kan isaan dandeessisu beekumsa isaan gonfachiiseera jedhaniiru.
Miseensota raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin alattis qondaaltonni kaadhimammoo biyyoota Afriikaa garagaraarraa dhufan leenjii xumuranii eebbifamuusaanii dubbataniiru.