Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramni Magaalaa Finfinneetti argame magaalittii gara wiirtuu Turizimii Afriikaatti ishee guddiseera-Komishinara Hundee Kabbadaa

Adoolessa 18/2018 (ENA): Jijjiiramni bal’aan Finfinneetti adeemsifame magaalattiin giddugala Turizimii ardii irraa gara wiirtuu Turizimii Afrikaatti akka jijjiiramtu ishee taasiseera jedhan Komishinarri Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa.

Dhaabbanni miidiyaa Palsi Of Afriikaa(POA) fi Komishiniin Tuurizimii Finfinnee damee Turizimii irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaltee tumsaa waliif mallatteessaniiru.

Waliigaltee kana kan mallatteessan hoji gaggeessaan ENA obbo Seeyifee Darribee fi Komishinara Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaadha.


 

Komishinar Hundee Kabbadaa sirna waliif mallatteessuu kanarratti akka ibsanitti, waliigaltichi hariiroo hojii kanaan dura jiru irratti sona guddaa dabaluu fi sadarkaa walta’iinsa olaanaatti kan ceesisu ta’a jedhani.

Waliigaltichi hojiiwwan Turiizimii hunda galeessa Finfinnee bal’inaan beeksisuudhaan sochii Turizimii cimsuu fi guddina damichaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee waggoota darban keessa bakkeewwan gahumsa Turizimii hedduu fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaramaniin moodeela magaalaa i ta’uus akka dandeesse ibsaniiru.

Fakkeenyaaf, Finfinneen wiirtuu Turizimii konfiraansii ardii kanaa keessatti adda duree ta’uu ibsuun, bara baajataa xumurame keessatti konfiraansii idil-addunyaa 221 milkaa’inaan keessummeessuu ishee ibsaniiru.


 

ENA’n dantaa biyyaalessaaf dursa kennuun, bifa biyyaalessaa ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo hojii gaggeessaa olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribeedha

ENA’n dhaabbata seenaa keessatti adda duree ta’ee fi deeggarsa odeeffannoo fi oduutiin ummatoota Afriikaa koloneeffannaa jalaa bilisa baasuu keessatti gahee ijaarsaa taphate ta’uu yaadachiisaniiru.

Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan hundeeffame Palsi of Afriikaan(POA), mul’ata Paan-Afrikaazimii abbootii keenyaa itti fufsiisuuf dhaabbata jalqabame ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhaabbanni miidiyaa Puulsii Afrikaa (POA) yeroo ammaa kana waa’ee Afrikaa seeneffama jallaa sirreessuu fi ardii kana dhugaa qabatamaa ta’een dhiyeessuun suuraa idil-addunyaa fooyya’aa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala kanaan fayyadamummaa Turizimii fi bu’aa misoomaa Finfinnee bal’inaan daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti beeksisuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Waliigalteen tumsaa kun, suuraa magaalattii guddisuu bira darbee, Afriikaanonni waa’ee pirojektoota misoomaa Finfinnee akka baratan gochuudhaan, yaa’insa  Turizimii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Dabalataanis waliigalteen tumsaa kun bu’aa qabatamaatti kan jijjiiramu ta’uu fi afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun dandeettii Turizimii magaalaa Finfinnee addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin akka taasifamu mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015