Tamsaasa Kallatti:

Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame hojii daldalaa kakaaseera

Adoolessa 18/2018(ENA)- Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame magaalattii miidhagsuun gamatti hojii daldalaa jajjabeessaa akka jiru jiraattonni magaalattii ibsan.

Misoomni kooriidaraa ijaarame magaalattiif miidhagina dabalataa uumuun gamatti, invastimantiif, daldalaa fi jiraattotasheef akka mijattu taasiseera jechuun ibsan magaalattii keessatti daldalaa kan ta’an Ahimad Juhaar ENA’f yaada kennaniin.

Misoomni kooriidaraa kun gaaffilee ummataa yeroo dheeraa kan deebise waan ta’eef fulla’aa fi bu’a qabeessa akka ta’u humnaa fi maallaqa keenyaan ni hirmaanna jedhaniiru.

Hojiileen misoomaa yeroo ammaa dame garagaraan eegalaman akka itti fufan mootummaa cinaa dhaabbannee nageenya keenya eeggachaa dirqama nurraa eegamu ni baana jedhaniiru.

Jiraattuun magaalichaa adde Xaayituu Asaffaa gamasaaniin, misoomni nuti barbaannu magaalaa keenya keessatti waan hojjetameef fayyadamoo taaneerra jechuun ibsaniiru.

Misoomni kooriidaraa kun keessumaa bakkeewwan balfi itti gatamuu kan turanii fi ijaaf hin tolle miidhagsuudhaan asii fi achi deemuu fi bashannanaaf mijataa waan taasifamaniif bifa magaalattii jijjiiruusaa dubbataniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Kamisee Shariif Qaasiim gamasaaniin, nageenya magaalattii eegsisuun cinaatti misoomni hawaasa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Misooma kooriidaraa kanaan daandiin konkolaataa, bishkileetii fi lafoo adda baafamuun hojjetamuun gamatti bakkeewwan magariisaa fi bakkeewwan bummanni itti bashannanu of keessatti qabatee ijaaramuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015