Yunivarsiitichi Oomisha fi Oomishtummaa Qonnaan Bulaa Dabaluuf Sanyii Filatamaa fi To'annoo Dhukkuba Biqiltootaa irratti Deggersa Ogummaa taasisaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitichi Oomisha fi Oomishtummaa Qonnaan Bulaa Dabaluuf Sanyii Filatamaa fi To'annoo Dhukkuba Biqiltootaa irratti Deggersa Ogummaa taasisaa Jira
Adoolessa 17/2018 (ENA)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu oomisha fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf sanyi filatamaa dhiyeessuu fi to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti deggersa ogummaa gochaa jiraachuu ibse.
Yunivarsiitichi qonnaan buloota 120 hojimaata kilaastaraatiin gurmaa'aniif deggersa sanyii filatamaa taasisee jira.
Sagaanticharratti kan argaman Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii, qorannoo fi ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabih Wandimmuu akka jedhanitti, yunivarsiitichi oomisha fi oomishtummaa qonnaan bulaa fooyyessuuf sanyii filatamaa fi to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti hojjechaa jira.
Yunivarsiitichi sanyii filatamaa giddugaloota qorannoo qonnaa irraa bahan oyiruu yunivarsiitichaa fi kan qonnaan bulaa irratti baay'isuun, soneessee qonnaan bulaaf deebisee raabsaa jiraachuu ibsaniiru.
Kuni immoo oomishtummaa qonnaan bultootaa hektaara tokko irraa argamu hanga kuantaala 80tti akka dabalu gochuu isaas kaasaniiru.
Yunivarsiitichi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojii eegale babal'isuun qonnaan bultoota Godina Baale, Baale Bahaa fi Arsii Lixaa irraa filataman 240 caalaaf deggersa fi hordoffii gochaa jiraachuu dubbataniiru.
Har'as qonnaan bultoota Godina Baale aanaalee 4 irraa dhufan 120 ta'aniif deggersa sanyii filatamaa qamadii taasifamuun isaas qaamuma tattaaffii kanaa ta'uu eeraniiru.
Yunivarsiitichi qonnaan bulaa sanyii filatamaa dhiyeessuu fi deggersa qonnaa biroo gochuun cinaatti, to'annoo dhukkuba biqiltootaa irratti deggersa ogummaa irratti xiyyeeffate hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota deggarsi godhameef keessaa Hajjii Huseen Ahimad fi Amaan Godaanaa akka jedhanitti, hojii oomisha qamadii irratti muuxannoo waggaa dheeraa qabaatanis, hanqina muuxannoo fayyadama sanyii filatamaa irraa kan ka'e hanga dhamaatii isaanii arggachaa akka hin turin yaadachiisan.
Deeggarsi sanyii filatamaa yunivarsiitichaan isaaniif taasifame oomishtummaa isaanii fooyyessuuf akka isaan qarqaaru dubbachuun galateeffataniiru.