Tajaajilli Masoob FDRI Waggoota sadan dhufanitti tajaajila caalu kennuuf bu’uurri misooma teekinoolojii fi diijitaalaa ni ijaarama - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Masoob FDRI Waggoota sadan dhufanitti tajaajila caalu kennuuf bu’uurri misooma teekinoolojii fi diijitaalaa ni ijaarama
Adoolessa 17/2018 (ENA): Tajaajilli Masoob FDRI waggoota sadan dhufanitti dandeettii fi qophii dhaabbatichaa guddisuuf, tajaajila fooyya'aa lammilee irratti xiyyeeffate kennuuf, bu’uura misoomaa teekinoolojii fi diijitaalaa ijaaruu irratti caalaatti xiyyeeffatee akka hojjetu beeksiseera.
Tajaajilli Masoob FDRI waggoota sadan dhufanitti tajaajiloota mootummaa teekinoolojii diijitaalaatiin deeggaramuun, dhaqqabamaa, si'ataafi lammilee irratti kan xiyyeeffate gochuuf kan dandeessisu roodmaappii (roadmap) waggaa sadii ifoomseera.
Roodmaappichi "Diijitaala Itiyoophiyaa 2030" akka ka'umsaatti fudhachuun, dhaqqabamummaa, qulqullina fi si'aa’ina tajaajila lammilee guddisuu kan dandeessisu kallattii jijjiiramaa furtuu ta'an kan hammatee dha.
Hojii Raawwachiisaa olaanaan Tajaajila Masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo waltajjiicha irratti akka ibsanitti; Roodmaappichi tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob waggoota sadan dhufanitti sirna kenninsa tajaajilaa akkamii ijaaruu akka qabu ifatti kan agarsiisu dha.
Bu’uura Karoora tasiimo’aa kanaan hojiiwwan Tajaajilli Masoob waggaa tokko darbe keessatti raawwate madaaluun, hojiiwwan ce’umsa diijitaalaa, fooyya'iinsa qulqullina tajaajilaa fi ijaarsa dandeettii dhaabbata fuulduratti hojjetaman kan gaggeessu ta'a jedhaniiru.
Karoorri kun mul'ata "Diijitaala Itiyoophiyaa 2030", kallattiiwwan fooyya'iinsa siivil sarviisii fi galma guddina diijitaalaa biyyaalessaa waliin walsimsiifamee kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru.
Daarektarri Karooraa fi sagantaa Tajaajilichaa Dassaaleny Dingataa barreeffama dhiheessaniin; Roodmaappiin tarsiimo’aan Masoobiin qophaa'e kallattiiwwan xiyyeeffannoo ijoo gurguddoo sadan irratti kan xiyyeeffate ta'uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan, inni jalqabaa dandeettii fi qophaa’ummaa dhaabbataa guddisuu ta'uu eeruun; dandeettii raawwachiisummaa Masoob cimsuu, sirna bulchiinsa raawwii ammayyaa diriirsuu fi dandeettii humna namaa guddisuun aadaa hojii bu'a-qabeessa ta'e ijaaruu ta'uu eeraniiru.
Sadarkaa lammaffaa irratti, tajaajila olaanaa lammilee irratti xiyyeeffate kennuu yoo ta'u; tajaajiloota Masoob dhaqqabamaa, haqaa fi diijitaala gochuu, fayyadama tajaajila diijitaalaa babal'isuu fi tajaajila giddu-galeessa bilbilaa (call center) cimsuun sirna itti quufinsa fayyadamtootaa mirkaneessu diriirsuu ta'uu dubbataniiru.
Sadarkaa sadaffaa irratti, bu’uura misooma teekinoolojii ammayya’aa fi dijiitaalaa ijaaru ta’uu eeruun; nageenya saayibarii cimsuu fi sirna tajaajila diijitaalaa ammayyaa’aa misoomsuun kan keessatti argaman ta'uu ibsaniiru.
Qophiin roodmaappii kun bu’uura kan godhate karoora misooma waggaa 10 biyyaalessaa, fooyya'insa dinagdee mandhaalee, imaammata tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa akkasumas tarsiimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 irratti kan hundaa'e ta'uusa dubbataniiru.
Roodmaappiin har'a ifoome kun; tajaajilli wiirtuu tokkoo guutummaatti teekinoolojiidhaan kan deeggarame, si'ataafi tajaajila mootummaa lammilee irratti xiyyeeffate gochuuf gumaacha guddaa akka qabu eerameera.