Tamsaasa Kallatti:

Kantiibaa Adaanech Abeebee ijaarsa kolleejii poolii teekiniikaa Ismaarti eegalchiisan

Adoolessa 17/2018(ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaabbata namoonni namootaaf jedhu waliin ta’uun guyyaa har’aa ijaarsa kolleejii poolii teekiniikaa Ismaartii kan jalqabaa ta’e guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Ijaarsi kolleejichaa yeroo xumurame maanuufaakcharii, Awutoomootiivii, Elektiriikii fi Elektirooniksii, Komunikeeshinsii, Tekistaayilii fi teeknooloojiiwwan Sii enni sii (CNC) irratti dargaggootaaf leenjii gocharratti xiyyeeffatee fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamu akka kennu kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Biyya misoomsuu fi hiyyummaa jalaa bahuun barnoota qalamaan qofa milkeessuun waan hin danda’amneef, humna namaa beekumsa sammuu yaada maddisiisanii fi harka hojjetu bakka tokkotti qabu baay’ee barbaachisaa ta’uusaanii Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Pirojektiin har’a eegalchiifne damee teekniikaa fi ogummaatiin dargaggoota hojii barbaaduurraa gara hojii uumuutti, yaada bu’uraa irraa gara gochaatti kan ceesisu, carraa hojii haaraa kan uumu riqicha ogummaa kan ta’udha jedhaniiru.

Ijaarsi kolleejii kanaa yeroo kaa’ameefitti qulqullinaan xumuramee tajaajilaaf akka oolu xiyyeeffannoon hordofna jedhan.

Pirojektichi tumsaan kan ijaaramu tumsa misoomaa yeroo dheeraa kan taate dhaabbata namoonni namootaa fi kan hojjetamu ashaaraa dhalootaaf cehudha jechuun qonnaan bultoota pirojektichaaf lafasaanii gadhiisan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015