Tajaajilli wal’aansa tolaa ooltummaa tolan kennamu tajaajila fayyaa hawaasa hunda qaqqabsiisuun lammii fayya buleessa uumuuf gumaacha olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wal’aansa tolaa ooltummaa tolan kennamu tajaajila fayyaa hawaasa hunda qaqqabsiisuun lammii fayya buleessa uumuuf gumaacha olaanaa qaba
Adoolessa 17/2018(ENA)- Tajaajilli wal’aansa tolaa ooltummaa tolan kennamu tajaajila fayyaa hawaasa hunda qaqqabsiisuun lammii ga’oomaa fi fayya buleessa uumuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.
Ministeerri fayyaa Hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Quddus Pheexiroos waliin ta’uun mata duree “tola ooltummaan guddummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun kan qopheesse sagantaan jalqabsiisa tajaajla tola ooltummaa gannaa qorannoo fayyaa, gorsaa fi wal’aansaa har’a kutaa magaalaa Gullalleetti ifatti eegalameera.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa saganticha yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, kaayyoomn ijoo tajaajila wal’aansaa tola ooltummaa gannaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamu dursanii dhukkuba ittisuu fi adda baasuurratti kan xiyyeeffatedha.
Tajaajilli kun namoonni dursanii wal’aansa kan itti argatan carraa guddaa ta’uusaa dubbataniiru.
Hojii gaggeessaan Hospitaala Quddus Pheexiroos doktar Abrahaam Isheetee gamasaaniin, Hospitaalichi itti gaafatama hawaasummaa bahuuf wagga waggaadhaan tajaajila tola ooltummaa akka gaggeessu eeraniiru.
Sagantaa gannaa kan baranaatiinis namoota kuma 120 caalaniif tajaajila wal’aansaa tolan kennuuf karoorfamuusaa ibsaniiru.
Tajaajilli kun qorannoowwan idilee baramaniin gamatti qorannoowwan diyaanostiikii baqaqsanii hodhuu, wal’aansota speeshaaliitii, akkasumas kan akka siitii iskaanii (CT Scan) fi ‘MRI’ kan of keessatti qabate ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa kun wal’aansaan cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuu dhaabuu, mana namoota dadhaboo haaromsuu, barattootaaf meeshaa barnootaa deeggaruu fi maaddii qooduu akka of keessaa qabu eerameera.