Tamsaasa Kallatti:

Godina Harargee Lixaatti Lammiileen Kuma 118 ol ta’an fayyadamtoota carraa hojii ta’aniiru

Adoolesa 17/2018 (ENA):Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti bara bajataa xumurametti lammiilee kuma 118 caalaniif carraa hojii uumuun akka danda'ame Waajjirri Carraa Hojii uumuu godinichaa beeksise.

Fayyadamtoonni carraa hojii kunis deeggarsa liqaa fi iddoo oomishaa mootummaadhan isaaniif mijataniin fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru.

Dursaan garee qophii karooraa fi hordoffii waajjirichaa Obbo Ashannafii Dabbabaa ENA’f akka ibsanitti, waajjirichi gurmii waldaalee kuma 8 fi 801 keessatti lammiileen kuma 118 fi 500 gurmaa'anii carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuu hubachiisaniiru.

Milkaa'ina kanaafis qophii lafaa, dhiyeessii liqii fi tajaajila leenjii kennuudhaan lammiilee gara hojiitti galchuun danda'ameera jedhaniiru.

Gosoota carraa hojii uumaman keessaa qonna, furdisa fi horsiisa beelladaa, misooma dammaa fi kaannisaa, horsiisa Lukkuu, daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa fi kanneen biroo kan keessatti argaman ta'uu hubachiisaniiru.

Hojii kanaan bu'a qabeessa akka ta'aniifis baadiyyaa fi magaalota keessatti dargaggoonni kuma 3 fi 200 gurmaa'anii lafa qonnaa fi bakki hojii kennamuusa eeraaniiru.

Hanqinni kaappitaala akka isaan hin mudanneefis mootummaan liqii Birrii biliyoona 1 caalu mijeessuusaa ibsaniiru.

Liqii fudhatan keessas hanga ammaatti Birrii miliyoona 65 caalu deebisuu danda'uu isaanii dubbataniiru.

Oomisha isaaniitiifis dhaabbilee garagaraa waliin hidhata gabaa Birrii biliyoona 3  dhihaatu uumuudhaan fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Bara bajataa xumurametti gurmaa'anii horsiisa lukkuurratti irratti kan bobba'an Obbo Assaffaa Tasfaayee akka jedhanitti, bakka hojii fi liqii isaaniif mijatetti fayyadamuun marsaa jalqabaatiin lukkuu killee buusan 600 horsiisaa jiru.

Yeoo amma oomisha lukkuu gatii madaalawaadhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru.

Aanaa Bokee Magaalaa Bokee Xiqqaatti hiriyoota isaa waliin furdisa Looniiratti irratti kan bobba'e dargaggoo Habtaamuu Alamuu gama isaan, liqii Birrii kuma 500 argataniin kaapitaala jalqabaa hojii eegalaniin bu'aa qabeessa isaan taasisaa jira.

Sangoota furdisuudhaan gabaa naannoo bira darbanii daldaltoota mana foonii Ciroo fi baddeessaatiif dhiyeessuun bu'aa qabeessa ta’aa jiraachuu isaanii ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015