Yaa'ii Marii Biyyaalessaa guddicha irratti tola ooltummaan himaachuu keenyaaf itti boonneerra - ENA Afaan Oromoo
Yaa'ii Marii Biyyaalessaa guddicha irratti tola ooltummaan himaachuu keenyaaf itti boonneerra
Adoolessa 17/2018 (ENA): Yaa'ii Marii Biyyaalessaa guddicha irratti tola ooltummaan himaachuu keenyaaf itti boonneerra jedhan lammiileen bakka garagaraarraa egeree Itiyoophiyaaf mari’achuuf kan walitti dhufan.
Yaa’iin marii biyyaalessaa kan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad irratti argaman Adoolessa 8/2018 jalqabamuun isaa ni yaadatama.
Adeemsi dhimmoota jaarraa hedduuf madda waliigaltee dhabuu ta’an hiikuuf kaayyeffatee eegale kun hambaa biyyaalessaa dhalootaaf darbu ta’a.
Yaa’ii seena qabeessa lammiileen kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dammaqinaan irratti hirmaatan kana keessatti dargaggoonni tola ooltummaadhaan qindoominaan, irratti hirmaataa jiru.
Tola oolaan Yohaannis Girmaa ENAtti akka himanitti, dhimma biyyaarratti tola ooltummaan tajaajiluun kan nama boonsudha jedhani.
Dhimma biyyaa irratti tajaajila tola ooltummaan hojechuun jaalala biyyaaf qaban daran kan cimsudha jedhani. Kunis biyya ofii
Namoota deeggarsa addaa barbaadaniif gargaarsa malu taasisuun, tajaajila odeeffannoo kennuun, adeemsi marii haala gaariin akka adeemsifamu gochuun gahee isaanii bahaa akka jiran ibsaniiru.
Tola ooltuun Maqdas Mazgabuu gama isaaniin akka himanitti, Tajaajilli tola ooltummaa mul’ata gatiiwwan ol’aanoo dhala namaa ta’uu ibsuun, adeemsa marii biyyaalessaa murteessaa kana keessatti hirmaachuun miira gammachuu kan isaanitti hore ta’uu dubbatani.
Tola oolaan Naannoo Affaar irraa dhufan obbo Ahmad Alawuu sagantaa guddaa biyyaalessaa kana irratti akka lammii Itiyoophiyaatti itti gaafatamummaa isaanii ba’uun akka isaan boonsu dubbataniiru.
Adeemsi marii biyyaalessaa kun lammiilee gidduutti amantaa cimsuu, nagaa waaraa uumuu, mul’ata waloo egeree Itiyoophiyaa bocuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Tola ooltonni kunneen mariin biyyaalessaa kun abbummaa waliiniitiin egeree Itiyoophiyaa bocuuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsuun, qaama adeemsa kanaa ta’uun jireenya isaaniif yaadannoo hin dagatamne ta’uu fi biyya isaaniif gumaacha guddaa ta’uukan itti buusan ta’uu ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA