Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jira – Pirofeesar Masfin Ari'ayaa

Adooleessa 16/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jiraachuu komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari'ayaa ibsan.

Komishinara Olaanaan marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ari'aayaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, mariichi ajandaawwan kennaman irratti bal'inaan mari'achuunii fi ibsa hayyootaan deeggaramuun milkaa'inaan gaggeeffamaa jira.

Guyyoota darbanitti waltajjiiwwan marii gaggeeffamaniin hirmaattonni gareen qoodamuun ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan mari'achuu, wal-dhaggeeffachuu fi wal-kabajuun gara adeemsa yaada qindeessutti ce'uu isaanii ibsaniiru.

Yaa’iin marii Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamuun hirmaattonni miseensota 50 fi 10n qoodamuun adeemsa yaada maddisiisuu fi cimsuu isa jalqabaa raawwachuu isaanii dubbataniiru.

Mariin miseensota 10n gurmeessuun gaggeeffamu hirmaattota gidduutti walitti dhiheenya uumuun wal-baruu fi ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan akka mari'atan kan dandeessisuu ta’uusaa ibsaniiru.

Adeemsa kanaanis hirmaattonni walitti akka dhihaatanii fi ajandaawwan qulqullinaan akka irratti marii’atan sirna diriireen hojiin bu'a qabeessi hojjetamuu hubachiisaniiru.

Miseensota 10 kanaan gabaasawwan qindaa’an irratti boruu jalqabee gareewwan miseensota 50 qabaniin walitti dhufanii mariin akka jalqabamu beeksisaniiru

Guyyaa har’aa ogeeyyonni mata dureewwan garagaraa irratti mari’attoota mata dureewwan garagaraa irratti garee saddetitti qoqqoodamaniif ibsaa fi odeeffannoowwan kennuusaanii ibsaniiru.

Ogeeyyonni dhimmoota ijaarsa biyyaa, seenaa, federaalizimii fi eenyummaarratti beekumsaa fi muuxannoo qaban mari’attootaaf ibsa galtee ta’u taasisuudhaan, gaaffilee hirmaattota irraa ka’aniifis deebii kennuusaanii dubbataniiru.

Boru irraa eegalee gabaasota marii gareewwan miseensota 10 qabaniin gaggeeffameen qindeessan gareewwan miseensa 50 qabaniif dhiheessuudhaan adeemsi marii itti aanuu akka eegalamu ibsaniiru.

Yaa’ii marii Kanaan mari’attoota kuma 4 keessummeessuun qophii guddaa kan barbaadu ta’us, deeggarsa qindaa’aa dhaabbileen fayyaa, nagaa fi tasgabbii akkasumas geejjibaa taasisaa jiran dinqisiifataniiru.

Mariilee taasifamaniin gareewwan saddet keessatti hirmaattota 500niin gurmaa’anii gaggeeffamaa tureera jedhaniiru.

Boru irraa eegalee gabaasa gareewwan miseensa 50 qabaniin qindeessan gareewwansaaniif dhiheessuudhaan mariin gareewwan miseensota 250 qaban shantamaan taasifamu akka eegali ibsaniiru.

Torbee dhufu ammoo hirmaattonni kuma 4 bakkeewwan 16tti qoqqoodamanii marii akka itti fufan eeraniiru.

Hirmaattonni wayita mariin kun gaggeeffamu wal’aansa isaan barbaachisu hoospitaalota federaalaa fi naannootti wa’aansa barbaachisu argachaa akka jiran ibsaniiru.

Akkasumas dhaabbileen deeggarsa taasisan kan akka nagaa fi tasgabbii, geejjibaa fi kanneen biroo qindaa’anii hirmaattotaaf tajaajila barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015