Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa imala Waggaa 75 kessatti utubaa misooma biyyaattii deeggaruun fi guddina dinagdee saffisiisuun bu'aawwaan jajjabeessoo galmeesseera


Adoolessa 16/2018 (ENA): Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa imala waggaa 75 kessatti utubaa misooma biyyaattii deeggaruun, guddina dinagdee saffisiisuun fi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu keessatti bu'aawwan jajjabeessaa galmeessuusaa Bulchaan Baankii Biyyaaleessa Itiyoophiyaa fi Walitti qabaan boordii bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa Dr. Iyoob Takaalanyi ibsan.

Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa Ayyaana Iyoobeelii Alamaazii hundeeffama waggaa 75ffaa isaa sagantaawwan adda addaatiin kabajuu eegaleera.

Kabaja Ayyaana kana irratti Ministirri Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa Caaltuu Saanii,Bulchaa Baankii Biyyaaleessa Itiyoophiyaa fi Walitti Qabaan Boordii bulchiinsichaa Dr.Iyoob Takaalanyi, akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoon affeeraman, hoggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa kan duraanii argamaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaaleessa Itiyoophiyaa fi Walitti Qabaan Boordii Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa Dr. Iyoob Takaalanyi akka ibsanitti, fageenyi giddu galeessaa hawaasni daandii gannaas ta'e bona tajaajila kennu argachuuf deemaa ture km 21 irraa gara km 4tuqaa4tti gadi bu'uu isaanii ibsaniiru.

Raawwiin kunis saffisa dhaqqabamumma daandii dachaa shaniin kan fooyyesse milkaa'ina guddaa ta'uu isaa dubbataniiru.


 

Waggaattan dhihoo kana keessatti daandiin kiilomeetira kuta 44 ol ta'u uummamuusaa caqasuun, kunis sochiilee diinagdee biyyaattii fi walitti dhufeenya hawaasummaa uummata gidduutti cimsuusaa dubbataniiru.

Akkasumas dandeettii kontiraaktaroota biyya keessaa guddisuu, hojimaata teeknoolojiin deeggaraman babal'isuu fi ijaarsota naannoo xiyyeeffannoo keessa galche raawwachuurratti hojiileen bu'a qabeessa ta'an raawwatamuusaanii ibsaniiru.

Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa imala waggaa 75 keessatti dhaabbata hangafa caasaa dhaabbatummaa cimaa, hojimaata fi beekumsa dhaloota ceesisu ijaare ta'uu isaa caqasaniiru.

Daarektarri olaanaan Dhaabbatichaa Injiinar Mahaammad Abduraahmaan, ijaarsi bu'uura misooma daandii uummata kan walitti dhiyeessu, gabaa kan babal'isu fi bu'uura tokkummaa biyyaa kan cimsu ta'uu isaa dubbataniiru.

Babal'inni daandii oomisha qonnaan bulaa gara gabaatti, barattoota gara mana barumsaatti, dhukkubsattoota immoo gara dhaabbilee wal'aansaatti salphaatti geessuuf fi yaa’insa investimantii saffisiisuuf bu'uuraa cimaa ta'uu isaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi hojii ijaarsaa cinaatti dandeettii injinarummaa biyya keessaa cimsuun, sirna bulchiinsa piroojektiiwwanii ammayyeessuun fi teeknoolojiiwwan dijiitaalaa hojmaata keessa galchuun gahumsa dhaabbatummaa isaa ol kaasuu isaa dubbataniiru.

Milkaa'ina dhaabbatichaatiif bu'uura kan kaa'an hoggantoota duraaniitiif fi haala teessuma lafaa fi qilleensa rakkisaa keessatti dirree irratti bobba'anii bu'uura misoomaa ijaaran injinaroota, teeknishaanota fi hojjettoota dirreetiif galata fi beekamtii dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015